Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:40

[1] Nuuti ammalle ifi saaduu jalqabaarraa? Yookiin akkuma worri gariin godhu xalayaa deeggarsaa gara keessan fidatuu yookiin isin irraa fudhatuu nu barbaachisaa ree?

[2] Xalayaan keenna ka akka nami duudiin beekuu fi dubbisuuf gadhaa keenna keessatti barreeffameeru isinuma.

[3] Isin tajaajila keennaan xalayaa Kiristoosii te’uun keessan ifa. Xalayaan kun qalamaan adoo hin te’in, Ayyaana Waaqa jiraata’aatiin, gabatee dhaka’aa irratti adoo hin te’in gadhaa namaa keessatti barreeffameera.

[4] Nuuti karaa Kiristoosiitiin Waaqatti addii waan qannuuf tana jenna.

[5] Nuuti dandeettii teennaan tana goona waan jennu takkaalle hin qannu; dandeettiin teenna Waaqa irraa dhutti.

[6] Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu’uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube’een barreeffameetii moti. Seerri qube’een barreeffame du’a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna.

[7] Seerri dhakaa baxxicha irratti qube’een bocameeraayyu; ifi yennaa seerri kenname jiru kuun badaa ka deemu te’ulle, kolbaan Isiraa’elii fuula muuse’eetitti ila qaddee ilaaliisaaf hin dandeenne. Egasuu seerri du’a fide ulfinna akkanaatiin yoo mudhate,

[8] tajaajilli karaa Ayyaana Woyyichaatiin dhaggamu ulfinna kana caalu attam hin qabaanne ree?

[9] Tajaajilli yakkaa namatti muru ulfinna haganaa ka qabu yoo te’e, tajaajilli nama balchoonsu attam ulfinna caalu qabaatuu dhaba ree?

[10] Ulfinni duuba irraa ka akka malee caalu waan te’eef, ulfinni dur tare akka woyi hin qanneetitti laakkowama.

[11] Wonni caararrowaa deentuuyyuu ulfinna haganaa ka qaddu eega teete, wonni haga bara baraa jiraatu ammoo ulfinna akka malee caalu attam hin qabaanne ree?

[12] Addii akkanaa waan qannuuf, sodaa malee dubbanna.

[13] Nuuti akka muuse’eetii moti; inni calalaqa fuulaa ka badu san kolbaan Isiraa’elii akka hin dhaggineef fuula ifii gollate.

[14] Qalbiin isaanii dhugumaan dillootteerti; haga guyyaa adhaalle kitaaba gondooroo dullatti’ii yennaa dubbisanu qalbiin isaanii gollaa saniin akkuma gollanteen jirti. Gollaan tunille karaa Kiristoosii qofaan ka baddu waan teeteef tun teete.

[15] Haga adhaalle yennaa isaan kitaaba Seera Muuse’ee dubbisanu mara, qalbiin isaanii golla’aan gollanti.

[16] Ammoo yennaa nami gara Gootta’aa deebi’u gollaan hin baddi.

[17] Goottaan Ayyaana; addee Ayyaanni Gootta’aa jirutti bilisummaan hin jirti.

[18] Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw’iti’iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te’ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna.

2 Qorontoosii — Chapters