Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:13

[1] Ani deebi’ee isin gaddisiisu’uuf gara keessan akka hin dhunne murteeffadheera.

[2] Ani yoo isin gaddisiiselle, isinuma worra ani gaddisiise malee, eentu na gammaachiisa ree?

[3] Ani gara keessan yennaa dhufu, worri na gammachiisu’uu male akka ana hin gaddisiinneef jedhee, akka san isiniif barreesse. Sababille gammadi kiyya gammada keessan maraa akka te’e hin addadha.

[4] Gadda gudda’aan, gadhaa laalatee fi imimmaan hedduu buusee wonni isiniif barreesse, akka ani guddoo isin jaaladhu akka beettanuuf malee, isin gaddisiisiisaafii moti.

[5] Nami nama gaddisiise yoo jiraate inni ka gaddisiise anaa moti; yakka itti o’isiisa hin te’in malee, gara tokkoon inni isin duudii gaddisiise.

[6] Nama akkasii kana, adabbiin isin hedduun adaddane hin geetti.

[7] Namichi kun guddoo gaddiisa irraa ka ka’e addii akka hin kutanne, isaaf araarantanee jajjabeessuu qaddan.

[8] Maarre isa jaalatuu keessan akka mirkaneessitanu isin kadhadha.

[9] Ani haga isin ilaalee, waan maraan ka ajajantanu te’iisa keessan beekiisaaf isiniif barreesse.

[10] Nama isin araarantanuuf, anille hin araaramaaf. Wonni ani namaaf araaramu’uu male yoo jiraatte, sababa keessaniif jedhee fuula Kiristoosii duratti araarameera.

[11] Hujii hantuu seexanaa waan beennuuf, akka inni nu hin gowwoonsineef jedhee tana godhaara.

[12] Oduu Gammadaa ta Kiristoosii lallabiisaaf, yennaa ani gara qachaa Xiro’aasii dhaqe, Goottaan balbala tajaajilaa anaaf baneeraayyu.

[13] Ammoo obboleessa kiyya Tiitoos achitti waan dhagguu dhabeef, yaadi kiyya hin foorfanne. Maarre worra achi jirutti nageya dhaamee gara Maqedooniya’aa tare.

[14] Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkunsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddawaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te’uu ti.

[15] Nuuti worra fayyuufille te’e, worra baduuf akka dakkara foolee dansaa qadduu teenee, Kiristoosiin worra Waaqaaf dhikaateeru.

[16] Nuuti, worra baduuf foolee gara du’aa geessitu; worra fayyuuf ammoo foolee gara jiru’uu geessitu. Yoona hujii akkasii tanaaf ka dandeettii qabu eennu?

[17] Nuuti akka worra Waaqaan ergameetitti tajaajiltoota Kiristoosii teenee, fuula Waaqaa duratti gadhaa qullu’uun dubbanna malee, akka namoota hedduu Jecha Waaqaa bu’a’aaf daldalanuutii moti.

2 Qorontoosii — Chapters