[1] Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina’a jennee isin kadhanna.
[2] Waaqi, «Yennaa fudhatama qaddutti ani si caqase; Guyyaa fayyinna keetii, ani si qarqaare» jedha. Kunoo dhage’a’a yennaan fudhatama qaddu amma; guyyaan fayyinnaalle adha.
[3] Tajaajilli keenna akka hin tuffatanne, eennulle’eef gufuu hin teenu.
[4] Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina.
[5] Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji’iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan;
[6] akkasuma qulqullumma’aan, beekkunsaan, ossaan, arjumma’aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga’aatiin,
[7] jecha dhuga’aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, meyi keenna ka woraanaa balchumma’a.
[8] Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra;
[9] ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du’aneeran yoo jedhanu, jiru’uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne;
[10] gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.
[11] Worra Qorontoos keessa leetanu! Nuuti ifa tolchinee isinitti dubbanneerra; gadhaa keennalle badhinnee isinii banneerra.
[12] Isinumatti gadhaa nu irraa kutate malee, nuuti isin irraa hin kutanne.
[13] Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu’uuf badhadha’aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha.
[14] Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina’a. Balchumma’aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande’an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande’an?
[15] Kiristoosii fi Seexanni attam wolii galuu dande’an? Nami dhugeeffatuu fi nami hin dhugeeffanne maan woliin qaba?
[16] Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu, «Mana kiyya kolbaa tiyya oddu’utti hin godha; odduu isaaniille hin le’a; Ani Waaqa isaanii hin te’a, isaanille kolbaa tiyya hin te’an» jedhe, nuuti Galma Waaqa jiraata’aati.
[17] Ammalle Goottaan, «Isin odduu isaaniitii foyama’atii baya’a; waan battii te’e hin tuqina’a. anille isin hin fudhadha’a;
[18] Ani Abbaa keessan hin te’a, isinille ilmaan tiyya ta dhiiraatii fi durraa hin teetan jedha Goottaan waan mara dande’u» jedheera.