Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:14

[1] Nafi keenna ka lafa tanaa, ka akka dunkaanaa keessa leenu yennaa diigame, mana harka namaatiin hin ijaaramin, ka Waaqi ol-gubba’atti ijaare akka qannu hin beenna.

[2] Ammaa tana nuuti nafa ol-gubba’aa uffatiisaaf dharra’iisaan aadiisatti jirra.

[3] Isa san yennaa uffanne qullaa jiraannee hin dhaggannu.

[4] Dunkana lafa tanaa keessa haga jirru, ba’aan nu’utti ulfaattee aadaarra; wonni nuuti aadaarruuf duuti jiru’uun jijjiirantee, nafa ol-gubba’aa akka uffannuuf malee, nafa keenna ka lafa tanaa irraa adda bayiisa barbaanneetii moti.

[5] Jijjiirama kanaaf ka nu qopheesselle Waaqa; san caalaalle waan nu’uuf kennamu maraaf akka qaddii te’uuf, ayyaana ifii ka nu’uuf kenne isa.

[6] Nafa keenna ka lafa tanaatiin haga jirru, Goottaa irraa ka fagaanne akka teene yoo beennelle, yennaa maraa isatti addanna.

[7] Nuuti ka jiraannulle dhugeeffanna’aan malee, isa dhaggiisaanii moti.

[8] Nuuti nafa akka mana keennaa te’e kana irraa adda baanee, Goottaa woliin jiraatiisaaf hin halchina; tanaaf ifi addi’iin leena.

[9] Nuuti nafa keenna kanaan jiraannulle, jiraatuu dhannulle, yaadi keenna Goottaa gammachiisu’u.

[10] Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te’e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura’aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna.

[11] Tanaaf Goottaa sodaachuun maan akka te’e waan beennuf, worra dhibii hin hubachiinna. Nuuti maan akka teenelle Waaqi hin beeka; isinille gadhaa keessan keessatti nuuti maan akka teene akka beettanu hin addadha.

[12] Worra keessa ifiitiin adoo hin te’in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu’uun akka ifi jajjannuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti.

[13] Nuuti maraataa yoo teene Waaqaaf jennee ti; worra qalbii qabu yoo teenelle isiniif jennee ti.

[14] Kiristoos nama duudi’iif akka du’ee fi nami duudiin du’a isaa ka qoodamu akka te’e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqisiisa.

[15] Worri jiru’uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du’ee du’aa ka’eef akka le’anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du’e.

[16] Maarre nuuti ammaa achi eennulle’etti fuula ilaallee hin murru. Tanaan qara Kiristoositti akkana gooneelle yoo jiraanne, haganaa achi akkana hin goonu.

[17] Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dadaa haareya; dadaan dullattiin tartee, dadaan haaretti dhutteerti.

[18] Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu’uu kenneen teete.

[19] Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu’u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu’ulle’eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.

[20] Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu’oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama’a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna.

[21] Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba’atu godhe.

2 Qorontoosii — Chapters