Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:59

[1] Namootaan yookiin karaa nama tokkootiin adoo hin te’in, Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa Kiristoos du’aa kaaseen, ergaamaa te’ee ka ergame, ana Phawuloos biraa,

[2] obboleeyyan ana woliin jirtu mara biraa: wolde’oota kiristaanaa ka Galaatiyaa keessa jirtanuuf,

[3] Waaqi Abbaan keenna, Goottaan keenna Yesuus Kiristoosille badhaadhaa fi nageya isiniif kennu!

[4] Akka fedha Waaqa Abbaa keennaatitti, bara hamaa kana keessaa nu bilisa baasiisaaf jedhee, Kiristoos marroo cubbuu teennaatiif ifi dabarsee kenne.

[5] Baraa haga bara baraatitti Waaqaaf ulfinni te’u! Ameen.

[6] Badhaadha Kiristoosiitiin ka isin waame irraa garagaltanee, gara oduu gammadaa ta biraa ariifattanee deebi’uun keessan na baaseffachiitteerti.

[7] Worri isin kem’i godhiisaa fi Oduu Gammadaa ta Kiristoosii daddasiisaaf barbaadu waan jiruuf tana jedhe malee, dhugumaan Oduun Gammadaa ta biraa hin jirtu.

[8] Te’uu malee, nu’ulle yoo te’e, yookiin ergamaa Waaqaa ka ol-gubba’aalle yoo te’e, Oduu Gammadaa ta nuuti isinitti lallanne irraa ta gorte, yoo lallabe ka abaarame te’uu ti!

[9] Akkuma tanaan dura dubbadhe, ammalle irra deebi’ee dubbadha: eennulle Oduu Gammadaa ta isin fudhattane irraa ta gorte, yoo isinitti lallabe ka abaarame te’uu ti!

[10] Ani amma nama moo, Waaqa duratti fudhatama dhaggatiisaaf barbaadiisatti jira ree? Yookiin nama gammachiisu’uuf barbaadatiisatti jiraa? Nama gammachiisu’uuf adoo waan barbaadu teete, ani tajaajilaa Kiristoosii hin te’uuyyu.

[11] Obboleeyyan tiyya! Oduun Gammadaa ta ani isiniif lallabe, ta nami ifi keessaa maddisiise akka hin te’in, akka beettanu barbaada.

[12] Oduu Gammadaa tana, Yesuus Kiristoositti natti mudhise malee, ani eennulle irraa hin fudhanne, yookiin eennulle ana hin barsiinne.

[13] Yennaa duri dhugeeffannaa Yihudootaa hordofu, attam akka ani le’e dhageettaneertan; ani wolde’a kiristaana Waaqaa akka malee miidhaa balleesiisaaf wodhaanaa ture.

[14] Worra bara kiyya jiru, lansoota tiyya ta Yihudoota te’ane hedduu, ani dhugeeffannaa Yihudootaa eeggatiisaan hin caala; marroo aadaa abbootii teenaatille’eef akka malee hin hinaafaayyu.

[15] Waaqi ammoo adoo ani hin dhalatin dura ana filate; badhaadha ifiitille’een ana waame.

[16] Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa, worra Yihudoota hin te’in oddu’utti akka ani lallabuuf, yennaa Waaqi Ilma ifii anatti mudhisiisa jaallate, ani nama tokkolle woliin hin mari’anne;

[17] yookiin gara worra anaan dura ergantoota te’ee Yerusaalem hin dhandhe, ammoo yoosuma gara biyya Arabaa dhaqee, achiin duuba Damaasqo’otti deebi’e.

[18] Eegii san woggaa sadiin duuba Pheexroos ilaaliisaaf gara Yerusaalemii dhaqee, isa bira guyyaa kudha shan ture.

[19] Obboleessa Gootta’aa Yaaqoobi malee, ergantoota dhibii keessaa tokkolle hin dhaggine.

[20] Wonni ani isiniif barreessu kun dhara akka hin te’in, Waaqi hin beeka.

[21] Ani Yerusaalem dhaqeen duuba gara biyya Sooriya’aatii fi Qiliiqiya’aa dhaqe.

[22] Wolde’ooti kiristaanaa ka Kiristoosii, ka lafa Yihuda’aa keessa jiru, ilaan na dhagganee hin beekanu.

[23] Oduu, «Namichi duri nu miidhaa ture, dhugeeffannaa balleessiisaaf barbaadu san, amma lallabiisatti jira» jettu qofa dhage’aneeran.

[24] Sababa kiyyalle’eef Waaqa galateeffatane.

Galaatiya’aa — Chapters