[1] Bara Yehoyaaqiim mootii Yihudaa ture keessa Nebukadnezaar mootiin Baabilon biyya Yihudaatti duulee in qabate; Yehoyaaqiim mootichi waggaa sadii erga isatti bulee booddee yaada isaa geddaree Nebukadnezaar irratti in ka'e.
[2] Waaqayyo karaa hojjetoota isaa warra raajotaa akkuma dubbate, loltoota Baabilon, loltoota Sooriyaa, loltoota Mo'aabii fi loltoota Amoonotaa Yehoyaaqiim mooticha irratti in kaase, biyya Yihudaas akka balleessaniif in erge.
[3] Sababii cubbuu Minaaseen mootichi hojjetee ture hundumaaf, Waaqayyo fuula ofii isaatii duraa akka isaan balleessu dubbatee kan ture, amma dhugumaan saba biyya Yihudaa irratti in raawwatame.
[4] Keessumatti sababii Minaaseen dhiiga namoota balleessaa hin qabnee dhangalaasee, Yerusaalemin dhiiga duwwaa godheef, Waaqayyo cubbuu isaa dhiisuufii hin barbaanne.
[5] Wanta Yehoyaaqiim bara mootummaa isaa keessa dubbatee fi kan inni hojjete hundumaa keessaa warri hafan macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafamaniiru mitii ree”
[6] Erga Yehoyaaqiim du'ee immoo ilma isaa Yehoyaakiintu mootii ta'ee iddoo isaa bu'e.
[7] Mootiin Baabilon laga Gibxii kaasee hamma laga Efraaxiisitti biyya Gibxii qabattee turte hundumaa waan fudhateef, mootiin Gibxii deebi'ee biyya ofii isaatii keessaa ala ba'ee hin duulle.
[8] Yehoyaakiin dhalatee waggaa kudha saddeetitti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee, ji'a sadii in mo'e; maqaan haadha isaatii“Nehushtaa” jedhama; isheen intala Elnaataan nama mandara Yerusaalem turte.
[9] Yehoyaakiin kun akkuma abbaa isaatii Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjete.
[10] Bara mootummaa Yehoyaakiin keessa loltoonni Nebukadnezaar mootii Baabilon dhaqanii Yerusaalemitti in marsan.
[11] Utuma loltoonni isaa mandarattii marsanii jiranii, Nebukadnezaar mootichi ofii isaatii gara Yerusaalem in dhaqe.
[12] Yommus Yehoyaakiin mootiin Yihudaa, haati isaa, naa'onni isaa, gurguddoonni isaa, xu'aashonni mana mootummaa isaa keessaa ergaman mootii Baabilonitti harka isaanii in kennan; Nebukadnezaar mootiin Baabilon mootii ta'ee waggaa saddeettaffaa isaatti Yehoyaakiinin in booji'e.
[13] Akkuma Waaqayyo dubbate, qodaa warqee isa Solomoon mootiin Israa'el mana qulqullummaaf hojjechiise hundumaa caccabsee, qabeenya mana qulqullummaa fi mana mootummaa keessaa hundumaa baasee fudhatee in gale.
[14] Akkasumas guutummaa Yerusaalem keessaa, gurguddoota biyyaa, loltoota jajjaboo, namoota hojii harkaa beekanii fi namoota sibiila tuman hundumaa walumatti namoota kuma kudhan booji'ee fudhatee in sokke; biyya sana keessatti namoota baay'ee hiyyeyyii ta'an malee, kan hafe hin turre.
[15] Nebukadnezaar mootiin Baabilon Yehoyaakiin mooticha booji'ee biyya Baabilonitti in geesse; akkasumas immoo haadha mootichaa, dubartoota isaa, xu'aashota mana mootummaa isaa keessa ergamanii fi gurguddoota biyyattii Yerusaalemii booji'ee biyya Baabilonitti in geesse.
[16] Itti dabalees guutummaa humna waraanaa keessaa namoota kuma torba, warra hojii harkaa beekanii fi namoota sibiila tuman keessaa immoo kuma tokko booji'ee biyya Baabilonitti in geesse; isaan kun hundinuu jajjaboo fi lolaaf kan ta'an turan.
[17] Kana booddee mootiin Baabilon Mataaniyaa wasiila Yehoyaakiin iddoo Yehoyaakiin moosisee maqaa isaa immoo Zedeqiiyaatti in geddare.
[18] Zedeqiiya dhalatee waggaa digdamii tokkotti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee, waggaa kudha tokko in mo'e; maqaan haadha isaatii“Hamutaal” jedhama; isheen immoo intala Ermiyaas nama mandara Liibnaa turte.
[19] Zedeqiiya kun akkuma Yehoyaaqiim Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjete;
[20] kun Yerusaalemii fi Yihudaa keessatti waan ta'eef, Waaqayyo baay'ee isaanitti aaree hamma fuula isaa duraa isaan balleessutti in ga'e.