Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:02

[1] Pheqaan ilmi Remaaliyaa mo'ee waggaa kudha torbaffaatti, Ahaaz ilmi Yotaam mootii biyya Yihudaa in ta'e.

[2] Ahaaz yommuu mootii ta'e nama waggaa digdamaa ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha ja'a mo'e; Daawit abaabiliin isaa Waaqayyo gooftaa isaa duratti wanta qajeelaa ta'e akka hojjete inni immoo hin hojjenne.

[3] Inni akkuma mootonni Israa'el hojjetan, in hojjete; akkuma sabni warri wanta ciiggaasisaa godhan, warri Waaqayyo saba Israa'el duraa ari'ee baase hojjetan gochuudhaan, ilma isaa iyyuu ibiddaan gubee aarsaa godhee in dhi'eesse.

[4] Akkasumas iddoowwan sagadaa warra ol ka'oo irratti, roggee gaaraa irratti, mukkeetii baala lalisaa qaban hundumaa jalattis aarsaa in dhi'eesse, ixaanas in aarse.

[5] Yommus Resiin mootiin Sooriyaa fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israa'el Yerusaalemin rukutuudhaaf itti duulanii isheetti in marsan; Ahaazin garuu mo'uu hin dandeenye.

[6] Yeroo sana Resiin mootiin Sooriyaa mandara Eloot Sooriyaadhaaf deebisee, Yihudoota mandarattii keessa jiraatan immoo ari'ee in baase; kana booddee namoonni Edoom Elootitti galanii hamma har'aatti achi keessa in jiraatan.

[7] Ahaaz mootichi kana keessatti Tiiglaat-Phileeser mootii Asoritti namoota ergee,“Ani garbicha kee ti, ilma kee tis; hadaraa ol kottuutii harka mootii Sooriyaa fi harka mootii Israa'el warra anatti ka'anii jiran keessaa na baasi!” jedhe.

[8] Akkasumas immoo meetii fi warqee mana qulqullummaa fi mana mootummaa keessa jiru fuudhee mootii Asoriif gabbarsuu in erge.

[9] Kanaaf mootiin Asor,“Tole” jedheefii Damaasqootti duulee ishee in qabate; namoota ishee booji'ee gara Qiiritti in geesse; Resiinin immoo in ajjeese.

[10] Ahaaz mootichi, Tiiglaat-Phileeser mooticha Asor nagaa ulfinaa gaafachuudhaaf Damaasqoo yommuu dhaqe, mandarattii keessatti iddoo aarsaa tokko in arge; yommusuma fakkeenya iddoo aarsichaa, akeeka hojii isaatiis guutummaatti qopheessee Uriiyaa lubichatti in erge.

[11] Utuu Ahaaz mootichi hin deebi'in Uriiyaan lubichi akka fakkeenya isa Ahaaz Damaasqoodhaa erge sanaatti iddoo aarsaa ijaaree in raawwate.

[12] Mootichi Damaasqoodhaa deebi'ee iddoo aarsichaa yommuu arge, isa irratti kennaa dhi'eessuudhaaf in dhaqe.

[13] Ofii isaatii iddoo aarsaa sana irratti qalma gubamuu fi kennaa midhaanii dhi'eessee, kennaa dhugaatii dhangalaasee, dhiiga qalma araaraas in facaase.

[14] Iddoon aarsaa inni dhagaa borrajjii irraa hojjetamee Waaqayyoof addaan baafame iddoo aarsaa isa haaraa fi mana qulqullummaa gidduu in dhaabata ture; Ahaaz immoo iddoo aarsaa isa durii kana mana qulqullummaa duraa fuudhee, gara harka bitaa iddoo aarsaa isa haaraa in kaa'e.

[15] Ergasii Ahaaz mootichi,“Qalma ganama gubamu, kennaa midhaanii isa galgala dhi'aatu, qalma gubamuu fi kennaa midhaanii isa mootichi fidu, qalma gubamu, kennaa midhaanii fi kennaa dhugaatii isa namoonni biyya sanaa hundinuu fidan, iddoo aarsaa isa haaraa bal'aa irratti dhi'eessi! Dhiiga qalma gubamuu fi dhiiga horii aarsaa dhi'aatu hundumaa iddoo aarsichaa irratti facaasi! Iddoo aarsaa dhagaa borrajjii irraa hojjetameen garuu ani hooda nan arga” jedhee, Uriiyaa lubicha in abboome.

[16] Uriiyaan lubichis akkuma Ahaaz mootichi isa abboome in godhe.

[17] Ahaaz mootichi wanta akka babattee baattuu geengoo qabu irraa baasee, caabiis isa irraa in fuudhe; gaanii bishaanii isa sangoota sibiila borrajjii irraa hojjetaman irra ture gad fuudhee buusaa dhagaa irra in kaa'e.

[18] Inni mooticha Asor gammachiisuuf jedhee, wanta akka gaaddisee isa mootiin guyyaa Sanbataa akka jala taa'uuf mana qulqullummaa keessatti hojjetame fuudhee in baase; karra isa mootichi ittiin mana qulqullummaatti ol galus in cufe.

[19] Waa'een Ahaaz inni hafe, wanti inni bara mootummaa isaa keessa hojjetes macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafameera mitii ree”

[20] Ahaazis akkuma abboota isaatii du'ee, mandara Daawit keessatti awwaala abboota isaa biratti in awwaalame; Hisqiyaas ilmi isaa immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.

Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa — Chapters