[1] Hose'a ilmi Elaa mootiin Israa'el mo'ee waggaa sadaffaa isaatti, Hisqiyaas ilmi Ahaaz immoo mootii Yihudaa in ta'e.
[2] Hisqiyaas mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii shanii ture; inni Yerusaalem keessa taa'ee waggaa digdamii sagal in mo'e; haati isaa “Abiiyaa” jedhamti; isheen intala Zakaariyaas.
[3] Hisqiyaas kun akkuma Daawit abaabilii isaatii wanta ija Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e hundumaa in hojjete.
[4] Iddoowwan sagadaa warra ol ka'oo in diige, utuboota akka dhagaa qulqullaa'ootti ilaalaman in caccabse, bifa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu mukkeetii irraa qiqqirixamanii tolfaman in jigse; Israa'eloonni hamma bara sanaatti fakkeenya bofa isa Museen sibiila borrajjii irraa hojjetee ture sanaaf ixaana waan aarsaniif, Hisqiyaas immoo fakkeenyicha bofaa isa “Nehushtaan” jedhamu sana in caccabse.
[5] Hisqiyaas mootichi Waaqayyoon goofticha Israa'el in amanate; isa booddees, isa duras kan akka isaatii mootota Yihudaa keessa hin turre.
[6] Inni Waaqayyoof amanamee in jiraate, isaaf amanamuu isaa irraas hin kufne; abboommii Waaqayyo Museetti kennes in eege.
[7] Waaqayyo isaa wajjin waan tureef, wanti inni hojjetu hundinuu wal in qixxaataaf ture; inni mootii Asoritti buluu didee, irratti in ka'e.
[8] Kana malees inni hamma Gaazaa fi naannoo isheetiitti riqaa irra ijaajjanii biyya eeganii kaasee Filisxeemota hamma mandaroota gurguddaa masaraa dhagaa qabaniitti jiran rukutee in mo'e.
[9] Hisqiyaas mo'ee waggaa afuraffaa isaatti, kunis Hose'a ilmi Elaa mootii Israa'el ta'ee waggaa torbaffaa isaatti, Shalmaaneser mootiin Asor mandara Samaariyaatti duulee isheetti in marse.
[10] Samaariyaan marfamtee dhuma waggaa sadaffaatti in qabamte; Hisqiyaas mo'ee waggaa ja'affaa isaatti, Hose'a immoo mootii Israa'el ta'ee waggaa salgaffaa isaatti Samaariyaan in qabatamte.
[11] Yommus mootiin Asor Israa'eloota qabee gara Asoritti geessee, mandaroota Kalaa, Kaabor ishee laga Gozaan bukkee fi mandaroota Miidiyaan keessa isaan in qubachiise.
[12] Kunis sababii isaan sagalee Waaqayyo gooftaa isaanii dhaga'uu didanii, kakuu isaatii fi abboommii isaa isa inni karaa Musee garbicha isaa isaan abboome hundumaa cabsaniif isaanitti dhufe; isaan abboommicha hin dhaggeeffanne, hin abboomamneefis turan.
[13] Bara Hisqiyaas mootichaa waggaa kudha afuraffaa keessa Senaaheriib mootiin Asor biyya Yihudaatti duulee, mandaroota biyyichaa warra kellaa dhagaa qaban hundumaa in qabate.
[14] Yommus Hisqiyaas mootiin Yihudaa gara mandara Laakiishitti namoota ergee mootii Asoriin,“Ani balleessaa hojjedheera, amma immoo wanta ati anatti murte nan baasaatii hadaraa ana irraa deebi'i!” jedhe; kanaaf mootiin Asor meetii kiilo graamii kuma kudhanii fi warqee kiilo graamii kuma tokkoo fi digdama Hisqiyaas mootii Yihudaatti in buuse.
[15] Kana irratti Hisqiyaas mootichi meetii mana qulqullummaa fi mana qabeenyi mootummaa keessa taa'u keessatti argamu hundumaa fuudhee mootii Asoriif in erge.
[16] Yeroo sanatti Hisqiyaas mootiin Yihudaa warqee isa balbalaa fi utuboota mana qulqullummaatti ofii isaatii uffisee ture ittii baasee mootii Asoriif in erge.
[17] Kana booddees mootiin Asor, angafa ajajjuu duulaa isaa dura-buutuu hojjetoota mana mootummaa isaa fi angafa loltuu isaa loltoota jajjabootaa wajjin Laakiishii gara Yerusaalemitti Hisqiyaas mootichatti in erge; isaan yommus gara Yerusaalemitti ol ba'anii boolla jal'isii bishaanii isa gara olii karaa maasii namicha uffata miicutti geessu irra in dhaabatan.
[18] Isaan yommuu Hisqiyaas mootichatti erganii isa waamsisan, Eliyaaqiim ilmi Hilqiiyaa bulchaan mana mootummaa, Shebnaa caaftuun mana mootummaa fi Yo'aan ilmi Asaaf itti gaafatamaan caaffata mana mootummaa gara isaaniitti gad in ba'an.
[19] Yommus angafni loltuu Hisqiyaasitti isaan ergee,“Mootiin Asor inni guddichi,“Ati maal amanattee bir'aa malee teessaa”
[20] Afaaniin dubbachuu duwwaan lola kana keessatti gorsaa fi humna kan siif ta'u sitti fakkaata” Eenyuun amanattee ana irratti kaate”
[21] Biyya Gibxii isa akka jajjaba caccabaa yommuu qabatan harka namaa waraanu amanattaa” Mootiin Gibxii warra isatti hirkatan hundumaa akkasuma in waraana?” jedhe.
[22] Itti fufees “Yoo ati,“Nuyi Israa'eloonni Waaqayyoon gooftaa keenya amananna” naan jette immoo, Waaqayyo kun isa atumti iddoo ol ka'ootti sagaduudhaaf jettee, iddoo aarsaa isaa achii balleessitee warra Yihudaa fi warra Yerusaalemin,“Yerusaalem keessatti iddoo aarsaa isa kana duwwaa duratti sagadaa!” jette sana mitii” jedhaan!” jedhe.
[23] Angafni loltuu kun dubbii isaa ittuma fufee,“Egaa amma gooftaa koo mootii biyya Asorii wajjin nokkorrootti gali, fardeen ani siif kennu hundumaa irra taa'anii loluu kan danda'an abboota fardeenii yoo qabaatteef, ani immoo fardeen kuma lama siif nan kenna.
[24] Ati,“Warra Gibxii biraa konkolaataa fi abboota fardeenii nan argadha” jettee yoo amanattee iyyuu, loltoota gooftaa kootii keessaa isa baay'ee cimaa hin ta'in iyyuu of irraa deebisuu hin dandeessu.
[25] Haa ta'u iyyuu malee, sagalee Waaqayyoo duuban biyya kanatti ol ba'ee rukutee balleessa sitti fakkaataa” Lakkii, Waaqayyotu“Biyya kanatti duuliitii isa balleessi!” jedhee na abboome” jedhe.
[26] Eliyaaqiim ilmi Hilqiiyaa, Shebnaa fi Yo'aan ergasii angafa loltuu sanaan,“Namoonni kellaa mandarattii irra taa'an akka hin dhageenyetti, afaan Ibraayisxiitiin hin dubbatiniitii, nuyi garboonni kee afaan warra Aaram waan hubannuuf maaloo afaanichaan nutti dubbadhu!” jedhan.
[27] Inni garuu deebisee,“Gooftaan koo dubbii kana gooftaa keessanii fi isin duwwaatti akkan dubbadhuuf waan na erge isinitti fakkaataa” Namoota warra kellaa mandarattii irra taa'an, warra akkuma keessan udaan isaanii nyaachuuf, fincaan isaaniis dhuguuf jiranitti akkan dubbadhuuf na erge mitii ree” jedhe.
[28] Yommus angafni loltuu sun ka'ee ijaajjee sagalee isaa guddisee afaan Ibraayisxiitiin,“Dubbii mootii Asor isa guddichaa dhaga'aa!
[29] Mootichi guddichi,“Hisqiyaas harka koo isin oolchuu hin danda'uutii hin gowwoominaa!” jedha.
[30] Hisqiyaas,“Waaqayyo dhugumaan nu oolcha, mandarri kunis harka mootii Asoritti dabarfamtee hin kennamtu!” jedhee, Waaqayyoon akka amanattan isin hin godhin!
[31] Isa Hisqiyaas jedhu hin dhaga'inaa! Nagaa buufnaatii gara koo kottaa! Akkas yoo ta'eef, tokkon tokkon keessan ija waynii keessanii fi ija harbuu keessanii in nyaattu, bishaan boolla bishaanii keessan keessaa waraabbattanis in dhugdu.
[32] Kunis hamma ani dhufee biyya isa biyya keessan fakkaatu biyya midhaanii fi biyya buddeenaatti biyya iddoo dhaabaa waynii fi daadhii wayniitti, biyya mukkeetii ejersaa fi dammaatti isin geessutti itti in fufa; egaa isin wanta mootichi isin abboomu yoo gootan in jiraattu malee hin duutan; Hisqiyaas,“Waaqayyo nu oolcha” jedhee, akka isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa!
[33] Waaqayyolii saba lafa irraa keessaa isa kamtu namni biyya isaatii harka mootii Asor jala akka hin galle gochuu danda'e ree”
[34] Waaqayyoliin Haamaatii fi waaqayyoliin Arphaad eessa jiru” Waaqayyoliin Sefarwaayim, waaqayyoliin Henaa fi Iiwaa eessa jiru” Isaan Samaariyaan harka koo jala akka hin galle gochuu danda'aniiruu ree”
[35] Waaqayyolii biyyoota kanaa hundumaa keessaa isa kamtu harka koo jalaa biyya isaa baase iyyuu Waaqayyo immoo, Yerusaalemin harka koo jala akka hin galle gochuu danda'a ree?” jedhe.
[36] Hisqiyaas mootichi,“Deebii hin kennaafii!” jedhee isaan abboomee waan tureef, jarreen sun calluma jedhan malee, waan tokko illee hin deebifneef.
[37] Ergasii Eliyaaqiim ilmi Hilqiiyaa inni bulchaa mana mootummaa sun, Shebnaa caaftuun mana mootummaa fi Yo'aan ilmi Asaaf itti gaafatamaan caaffata mana mootummaa gadda irraa kan ka'e uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii wanta angafichi loltuu dubbate isatti in himan.