[1] Minaaseen dhalatee waggaa kudha lamatti mootii ta'ee Yerusaalem keessa taa'ee waggaa shantamii shan in mo'e; maqaan haadha isaatii immoo “Hefziibaa” jedhama ture.
[2] Inni amala saba lafa irraa, warra Waaqayyo Israa'eloota duraa oofee baase sana duukaa bu'ee wanta ciiggaasisaa gochuu isaatiin fuula Waaqayyoo duratti hamaa in hojjete.
[3] Iddoowwan ol ka'oo irratti lafa waaqayyolii tolfamoodhaaf itti sagadan isa Hisqiyaas abbaan isaa diigee ture, deebisee in ijaare; akkuma Ahaab mootii Israa'elis Ba'aaliif iddoowwan aarsaa ijaaree, waaqayyittii tolfamtuu“Asheeraa” jedhamtuuf immoo bifa fakkeenyaa tolchee, macca bantiiwwan waaqaa keessa jiraniif in sagade, isaaniifis in hojjete.
[4] Kana malees mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessaa, lafa Waaqayyo,“Maqaa kootu keessatti waamama” jedhee ture sana keessatti iddoowwan aarsaa kan biraa in ijaare.
[5] Itti dabalees oobdii mana qulqullummaa sanaa lamaanuu keessatti macca bantiiwwan waaqaa keessa jiranii fi iddoowwan aarsaa in ijaare.
[6] Minaaseen ilma isaa aarsaa gubamuuf dabarsee kenne, qaalluu warra hooda dubbatan, eker-dubbiftuu fi namoota duumessa ilaalanii ayyaana hedan in gaafatate; akkasitti wanta hamaa baay'ee hojjechuu isaatiin dheekkamsa Waaqayyoo of irratti in kaase.
[7] Bifa fakkeenyaa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuudhaaf tolchee ture sana fuudhee, mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa in kaa'e; manni qulqullummaa kun isa Waaqayyo Daawitiin ilma isaa Solomooniinis,“Yerusaalem keessaa manni kun isa maqaan koo bara baraan keessatti akka waamamuuf, dhaala gosoota Israa'el hundumaa keessaa ani fo'adhee dha;
[8] Israa'eloonni immoo waanan isaan abboome hundumaa of eeggannaadhaan yoo godhan, seera garbichi koo Museen akka isaan eeganiif isaan ajajes yoo raawwatan, biyya ani abboota isaaniitiif kenne keessaa ba'anii akka isaan jooran deebi'ee hin godhu” jedhee turee dha.
[9] Minaaseen mootichi karaa irraa waan isaan kaachiseef, isaan saba lafa irraa warra Waaqayyo fuula Israa'elootaa duraa oofee balleesse caalaa waan hamaa hojjetan malee, Waaqayyoof hin dhageenye.
[10] Waaqayyo karaa garboota isaatii, karaa raajotaa dubbatee,
[11] “Minaaseen mootiin Yihudaa wanta ciiggaasisaa kanaan cubbuu hojjeteera; inni warra Amoorota isa dura turan caalaa hojii hamaa raawwateera, waaqayyolii tolfamoo isaatiinis saba Yihudaa cubbuu hojjechiiseera.
[12] Kanaaf ani Waaqayyo gooftaan Israa'el,“Wanta hamaa dhaga'uun isaa dhagna nama suukessu Yerusaalem irratti Yihudaa irrattis nan fida.
[13] Akkuman Samaariyaa fi mana Ahaab isa wal qixxeeffamee ijaarame balleesse, akkasuma Yerusaalemin akka nama funyoo safaraa irra kaa'ee wal qixxeesseetti, haxxaa'ee nan balleessa, akka nama waciitii dhiqee gad gombisus ishee nan godha?.
[14] Warra dhuunfaa koo ta'an keessaa kan hafan immoo harka diinota isaanii hundumaan in booji'amu, in saamamus.
[15] Bara abboonni isaanii biyya Gibxii ba'anii jalqabanii hamma har'aatti na duratti waan hamaa hojjechuu isaaniitiin dheekkamsa koo ofitti kaasaniiru” jedhe.
[16] Sabni Yihudaa Waaqayyo duratti hamaa gochuu isaatiin cubbuu akka hojjetu gochuu isaa irra iyyuu, Minaaseen dhiiga namoota balleessaa hin qabne baay'ee dhangalaasee, Yerusaalemin daarii gar tokkootii hamma gara isa kaaniitti dhiiga duwwaa godheera.
[17] Wanta Minaaseen hojjete keessaa warri hafan, kan inni godhe hundinuu cubbuun inni hojjetes, macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafamaniiru mitii ree”
[18] Minaaseen mootichi yommuu du'e, iddoo dhaabaa “Uzaa” jedhamu isa naannoo mana isaatii keessatti in awwaalame; ilmi isaa Amoon immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.
[19] Amoon dhalatee waggaa digdamii lamatti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee, waggaa lama in mo'e; maqaan haadha isaatii immoo “Meshulemeet” jedhama; isheen intala Haaruz nama mandara Yoxbaa turte.
[20] Innis akkuma Minaasee abbaa isaa Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjete.
[21] Guutummaatti yaada abbaa isaatii duukaa bu'ee, akkuma abbaan isaa dur hojjetaafii ture waaqayyolii tolfamoodhaaf in hojjete, isaaniifis in sagade.
[22] Inni Waaqayyoon goofticha abboota isaatii in dhiise, yaada Waaqayyoo duukaas hin buune.
[23] Hojjetoonni Amoon garuu isuma irratti mari'atanii mana mootummaa isaa keessatti isa in ajjeesan.
[24] Sabni biyya sanaa garuu namoota warra Amoon mooticha irratti mari'atan hundumaa in fixan; Yosiyaas ilma isaa immoo iddoo isaa in moosisan.
[25] Wanta Amoon hojjete keessaa warri hafan macaafa seenaa mootota Yihudaa keessatti caafamaniiru mitii ree”
[26] Namoonni Amoon mooticha iddoo awwaala isaa isa iddoo dhaabaa Uzaa keessa jirutti in awwaalan; ilmi isaa Yosiyaas immoo mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e.