Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:34

[1] Ilmi ishee Ahaaziyaan mootichi akka ajjeefame Ataaliyaan yommuu dhageesse kaatee hortee moototaa kan ta'an hundumaa in ajjeessifte.

[2] Yoshebaa intalli Yoraam mootichaa, obboleettiin Ahaaziyaa garuu Yo'aasin ilma Ahaaziyaa ilmaan moototaa warra ajjeefamuuf jiran keessaa dhoksitee baaftee guddiftuu isaa wajjin kutaa ciisichaa tokko keessa Ataaliyaa jalaa in dhoksite; mucichi akkasitti ajjeefamuu oolee,

[3] waggaa ja'a hamma Ataaliyaan biyya mo'aa turte sana mana qulqullummaa keessa dhokatee guddiftuu isaa wajjin in jiraate.

[4] Waggaa torbaffaa keessa Yoyaadaan lubichi angafoota dhibbaa, eegdota mootii fi angafoota dhibbaa eegdota mana mootummaatti ergee gara mana qulqullummaatti isaan in waamsise; mana qulqullummaa keessatti isaanii wajjin walii galee erga isaan kaksiisee booddee, ilma mootichaa isaanitti in argisiise.

[5] Lubichi jaraan,“Wanti gochuun isiniif ta'u jira; isin warri guyyaa Sanbataa hojiidhaaf baatan, harka sadii keessaa harki tokko mana mootummaa in eegdu.

[6] Harka sadii keessaa harki tokko karra isa eegdota mana mootummaa dugda duubaa in eegdu; akkasitti manichas darabee darabee in eegdu.

[7] Warri kutata kan biraa lamaan keessa jirtan, guyyaa Sanbataatti darabee hojii keessanii yeroo fixxan galuu dhiiftanii mootichatti naannoftanii mana qulqullummaa keessatti isa in eegdu.

[8] Tokkon tokkon keessan mi'a lolaa keessan fudhattanii naannoo mootichaa in dhaabattu; namni tarree isin dhaabattan kana gidduu lixu immoo haa ajjeefamu! Gara mootichi itti adeemu hundumaatti isa biraa hin dhabaminaa!” jedhee isaan in abboome.

[9] Angafoonni dhibbaa sun akkuma Yoyaadaan lubichi isaan abboome in godhan; tokkon tokkon isaaniis warra guyyaa Sanbataatti hojiitti galan, warra darabee hojii isaanii fixanii galuuf ka'anis fudhatanii gara lubichaa in dhufan.

[10] Lubichi yommus eeboo fi gaachana Daawit mootichaa durii mana qulqullummaa keessaa fuudhee angafoota dhibbaa sanatti in kenne.

[11] Eegdonni immoo adduma addaan mi'a lolaa fudhatanii gara mirgaatii hamma gara bitaa karaa iddoon aarsaa jiruun mana qulqullummaatti naanna'anii mooticha eeguudhaaf in dhaabatan.

[12] Yommus Yoyaadaan, ilma mootichaa gad baasee gonfoo mataa isaa irra kaa'ee, caaffata kakuun Waaqayyo waa'ee moototaatiif gale dhugaa ba'u irratti caafames kenneefii, dibee mootii ta'uu isaa in beeksise; yeroo sanatti jarri harka isaanii walitti rurrukutanii, sagalee isaanii ol fuudhanii,“Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhan.

[13] Ataaliyaan waca eegdotaa fi waca namoota warra kaanii yommuu dhageesse, gara mana qulqullummaa iddoo isaan itti walitti qabamanii jiran in dhaqxe;

[14] kunoo, akkuma amala ta'etti mootiin utubaa bukkee dhaabatee, angafoonni loltootaa, warri fiingee afuufanis mooticha bukkee dhaabatanii in argite; warri biyyaa hundinuu in gammadu, fiingees in afuufu turan; yommus Ataaliyaan aarii irraa kan ka'e uffata ishee tarsaaftee,“Kun nama irratti korachuu dha! Kun nama irratti korachuu dha!” jettee in iyyite.

[15] Yoyaadaan lubichi isheen mana qulqullummaa keessatti akka ajjeefamtu waan hin barbaanneef,“Tarree keessan gidduudhaa gad ishee baasaa! Nama ishee duukaa bu'uu barbaadus billaadhaan ajjeesaa!” jedhee, angafoota dhibbaa in abboome.

[16] Kana irratti jarri akkuma isheen “Karra fardaa” isa gara mana mootummaatti ol galchu bira geesseen qabanii, achumatti ishee in ajjeesan.

[17] Kana booddee Yoyaadaan lubichi saba Waaqayyoo akka ta'aniif, jarri kunii fi mootichi, Waaqayyoof kakuu akka galan, akkasumas mootichii fi jarri sun kakuu akka waliif galan in godhe.

[18] Yommus namoonni biyya sanaa hundinuu gara galma Ba'aal dhaqanii manicha in diigan; iddoowwan aarsaa fi bifa fakkeenyaa achi keessa turan caccabsanii in balleessan; Maataanin luba Ba'aal iddoowwan aarsaa sana duratti in ajjeesan; mana qulqullummaa garuu akka eeganiif Yoyaadaan lubichi, eegdota in dhaabe.

[19] Kana booddee lubichi, angafoota dhibbaa, eegdota mootii, eegdota mana mootummaa fi namoota biyya sanaa hundumaa fudhatee dhaqee, walii wajjin mooticha mana qulqullummaa keessaa gad baasanii karaa karra eegdotaa mana mootummaatti ol isa in galchan; mootichis teessoo moototaa irra in taa'e.

[20] Yommus sabni biyyichaa hundinuu in gammadan; erga Ataaliyaan mana mootummaa keessatti ajjeefamtee mandarattiin gabii in argatte.

[21] Yo'aas mootii yommuu ta'e mucaa waggaa torbaa ture.

Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa — Chapters