[1] Ahaaz mootiin Yihudaa mo'ee waggaa kudha lammaffaa isaatti, Hose'a ilmi Elaa mootii ta'ee Samaariyaa keessa taa'ee, Israa'el irratti waggaa sagal in mo'e.
[2] Innis immoo wanta Waaqayyo duratti hamaa ta'e in hojjete; haa ta'u iyyuu malee, hamma mootonni Israa'el warri isa dura turan hojjetan hamaa hin hojjenne.
[3] Hose'a yeroo tokko Shalmaaneser mootii Asoritti of kennee isa in gabbara ture; amma garuu Shalmaaneser isa loluudhaaf in ba'e.
[4] Hose'a mootichi mootii Gibxii isa “Soo” jedhamutti namoota ergachuu isaatiin, gibira isa mootii Asoriif waggaa waggaatti baasaa ture dhiisuu isaatiinis isa irratti korachuu isaa mootiin Asor hubatee bira in ga'e; kanaaf Shalmaaneser mootichi Hose'a qabsiisee mana hidhaatti in galchisiise.
[5] Yommus mootiin Asor loluudhaaf guutummaa biyyattiitti in duule; Samaariyaattis ol ba'ee waggaa sadiif isheetti in marse.
[6] Hose'a mo'ee waggaa salgaffaa isaatti mootiin Asor mandara Samaariyaa qabatee, Israa'eloota immoo booji'ee, gara Asoritti geessee, kutaa biyya Haalaa, kutaa biyya Gozaan, laga Haabor bukkee mandaroota Miidiyaan keessas isaan in qubsiise.
[7] Kun hundinuu sababii Israa'eloonni Waaqayyoon isa harka mootii Gibxii jalaa isaan baase yakkaniif isaanitti dhufe; isaan waaqayyolii tolfamoo in waaqeffatan,
[8] akka seerrata waaqessuu saba garaa garaa warra Waaqayyo isaan duraa ari'ee baasetti, akka seerrata waaqessuu mootonni Israa'el qopheeffatanittis in deddeebi'an.
[9] Israa'eloonni dhoksaatti iddoo riqaan eegdotaa jiran biratti Waaqayyo gooftaa isaanii duratti wanta qajeelaa hin ta'in in hojjetan; mandaroota isaanii warra masaraa qaban hundumaa keessatti iddoowwan sagadaa ol ka'oo in ijaarratan.
[10] Isaan tulluu dhedheeraa hundumaa irratti, muka baala lalisaa qabu hundumaa jalattis utuboota dhagaa qulqullaa'ootti ilaalamanii fi bifa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu mukkeetii irraa qiqqirixamanii hojjetaman in dhadhaabbatan.
[11] Akkuma sabni garaa garaa warri Waaqayyo fuula isaanii duraa ari'ee baase hojjechaa turan, Israa'eloonnis iddoowwan ol ka'oo hundumaa irratti aarsaa in dhi'eessan; wanta hamaa hojjechuu isaaniitiinis Waaqayyoon tuttuqanii in aarsan.
[12] Waaqayyolii tolfamoo warra Waaqayyo,“Hin sagadinaaf” jedheefis in sagadan.
[13] Waaqayyo,“Karaa keessan isa hamaa irraa deebi'aa! Abboommii koo fi seerrata koo isa ani seera godhee abboota keessaniif kennee, karaa hojjetoota koo raajotaa isinitti erge sana eegaa!” jedhee karaa raajota isaa fi ilaaltota isaa hundumaa namoota Israa'elii fi namoota Yihudaa akeekkachiiseera.
[14] Isaan garuu, akkuma abboota isaanii mataa jabaatanii Waaqayyoof amanamuu didan malee, isaaf hin dhageenye.
[15] Seerrata isaa fi kakuu Waaqayyo abboota isaaniif kakate, isa inni isaan akeekkachiises in tuffatan; wanta waa'ee hin baafne duukaa bu'anii kan waa'ee hin baafnes ta'an; Waaqayyo,“Wanta sabni naannoo keessan jiran hojjetan hin hojjetinaa!” jedhee yoo isaan abboome iyyuu, isaan didanii hojii jara sanaa duukaa in bu'an.
[16] Abboommii Waaqayyo gooftaa isaanii hundumaa dhiisanii, bifa Asheeraa bifa baqfamaa fakkeenya jabboota lamaa fi bifa fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu in tolchan; urjoota bantii waaqaa keessa jiran hundumaaf in qoomma'an, Ba'aaliifis in sagadan.
[17] Ilmaan isaanii fi intaloota isaanii ibiddaan gubanii aarsaa godhanii in dhi'eessan; Waaqayyoon tuttuqanii aarsuudhaaf, ayyaana in hedu, hooda in dubbatu, wanta isa duratti hamaa ta'e gochuuttis dabarsanii of in kennu turan.
[18] Waaqayyo kana irratti Israa'elitti baay'isee waan aareef gosa Yihudaa duwwaa hambisee warra kaan fuula isaa duraa in fageessise.
[19] Haa ta'u iyyuu malee, namoonni Yihudaa iyyuu abboommii Waaqayyo gooftaa isaanii hin eegne; isaan seerrata waaqessuu namoonni Israa'el qopheeffatan duukaa in bu'an.
[20] Kanaaf Waaqayyo sanyii Israa'el guutummaatti tuffatee fuula isaa duraa hamma isaan gatutti gad deebisee, harka saamtotaatti dabarsee isaan in kenne.
[21] Waaqayyo mootummaa Israa'el mootummaa Yihudaattii erga gargar baasee booddee, Israa'eloonni Yerobi'aamin ilma Nebaat in moosifatan; Yerobi'aam garuu sabni Israa'el Waaqayyoon duukaa bu'uu dhiisanii cubbuu guddaa isaa akka hojjetan in godhe.
[22] Namoonni Israa'el cubbuu Yerobi'aam hojjete hundumaa hojjechuu ittuma cimsan malee, irraa hin deebine;
[23] kunis Waaqayyo akkuma karaa hojjetoota isaa raajotaa dubbate, hamma Israa'eloota fuula isaa duraa fageessisetti in ta'e; kana booddee isaan biyya isaaniitii baafamanii gara biyya Asoritti geeffamanii, hamma har'aatti achi in jiraatu.
[24] Mootiin Asor mandaroota Baabilonii Kutaa, Awaa, Haamaatii fi Sefarwaayimii namoota fidee, iddoo namoota Israa'el mandaroota Samaariyaa keessa isaan in qubsiise; isaan yommus biyya Samaariyaa qabeenya isaanii godhatanii mandaroota ishee keessa in jiraatan.
[25] Isaan yeroo dura achitti galanitti Waaqayyoon hin waaqessine; kanaafis Waaqayyo leencota isaanitti in erge; leenconni sun namoota sana keessaa gar tokko in ajjeesan.
[26] Yommus namoonni mootii Asoritti,“Namoonni ati biyyaa baaftee mandaroota Samaariyaa keessatti galchite wanta Waaqayyo biyya sanaa isaan irraa eeggatu waan hin beekneef, inni leencota isaanitti in erge; kunoo, leenconnis sababii jarri wanta Waaqayyo biyya sanaa isaan irraa eeggatu hin beekneef, isaan fixuutti jiru” jedhanii in himan.
[27] Yommus mootiin Asor,“Luboota warra Samaariyaadhaa boojitan keessaa tokko Samaariyaatti deebi'ee achi akka jiraatu, wanta Waaqayyo biyya sanaa namoota irraa eeggatus akka isaan barsiisu godhaa!” jedhee, abboommii in baase.
[28] Kana irratti luboota warra Samaariyaadhaa booji'aman keessaa tokko dhufee Bet'el keessa taa'ee, attamitti Waaqayyoon akka isaan waaqessan isaan in barsiise.
[29] Haa ta'u iyyuu malee, namoonni qomoo garaa garaa keessaa dhufan sun mandaroota ofii isaaniitii keessa jiraatan keessatti waaqayyolii tolfamoo hojjetatanii, galma warri Samaariyaa iddoowwan ol ka'oo irratti duraan ijaaran keessa in kaa'atu turan.
[30] Waaqayyolii tolfamoo yeroo hojjetatanis, namoonni Baabilon “Suukoot-Benot” kan jedhamu, namoonni Kutaa “Nergaal” kan jedhamu, namoonni Haamaat“Ashiimaa” kan jedhamu in tolchisiifatan.
[31] Namoonni Awaa “Niibhaazii fi Tartak” kan jedhaman in tolchisiifatan; namoonni Sefarwaayim waaqayyolii tolfamoo isaanii warra “Adraamelekii fi Anaamelek” jedhamaniif ijoollee isaanii ibiddaan gubanii aarsaa godhanii in dhi'eessan.
[32] Isaan Waaqayyoonis in waaqessan; kana biratti immoo namoota ofii isaanii keessaa warra galma iddoowwan ol ka'oo irra jiran keessatti isaaniif hojjetan luboota in godhatan.
[33] Waaqayyoof in sagadu, garuu akkuma seera waaqessuu saba garaa garaa warra dur keessaa ba'aniitti, waaqayyolii tolfamoo ofii isaaniifis in hojjetu turan.
[34] Jarri kun hamma har'aatti iyyuu akkuma seera waaqessuu isaanii duriitti hojjetu malee, Waaqayyoon hin waaqessan, seerrata isaa wanta isa duratti qajeelaa ta'e, seera isaa yookiis abboommii isaa isa inni ijoollee Yaaqoob abboome sana hin eegne; Yaaqoob kun immoo isa inni“Israa'el” jedhee moggaasee dha.
[35] Waaqayyo yommuu Israa'elootaaf kakuu galee isaan abboome,“Waaqayyolii kan biraa hin waaqeffatinaa! Isaaniif hin qoomma'inaa! Isaaniif hin hojjetinaa! Yookiis aarsaa isaaniif hin dhi'eessinaa!
[36] Garuu ana Waaqayyo isa humna jabaadhaa fi irree koo isa ol fudhatameen biyya Gibxii keessaa baasee isin fide waaqeffadhaa, anaaf qoomma'aa, aarsaa anaaf dhi'eessaa!
[37] Seerrata, wanta ana duratti qajeelaa ta'e, seeraa fi abboommii ani isiniif caafe yeroo hundumaa eegaa! Waaqayyolii kan biraa garuu hin waaqeffatinaa!
[38] Kakuu ani isiniif gale hin irraanfatinaa, waaqayyolii biraas hin waaqeffatinaa!
[39] Garuu ana Waaqayyo goofticha keessan waaqeffadhaa! Harka diinota keessan hundumaa jalaa kan isin baasu, ana” jedhe.
[40] Isaan garuu akkuma seera waaqessuu isaanii duriitti hojjetan malee, isaaf hin dhageenye.
[41] Sabni garaa garaa kun Waaqayyoon in waaqeffatu akkasumas bifa waaqayyolii tolfamoo isaaniitiif in hojjetu; ijoolleen isaanii fi ijoolleen ijoollee isaanii akkuma abboonni isaanii hojjechaa turan, isaanis hamma har'aatti iyyuu akkasuma in hojjetu.