Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:07

[1] Waa'ee gargaarsa warra Waaqayyoof qulqullaa'aniif kennamu immoo isiniif caafuun barbaachisaa miti.

[2] Isin gargaarsaaf qophaa'uu keessan nan beeka; qophaa'ummaa keessaniinis ani, ?Kristiiyaanonni biyya Akaayyaa erga bar-dheengaddaatii jalqabanii qophaa'aniiru? jedhee waa'ee keessaniif warra biyya Maqedooniyaatti ofan jaja; hinaaffaan keessanis isaan keessaa namoota baay'ee sochooseera.

[3] Ammas, ?Qophaa'aniiru? akkuman jedhe qophooftanii akka argamtan malee, waa'ee kanaatiif isiniin of jajuun keenya, dubbii akkasumaan dubbatame akka hin taanetti, obboloota kana gara keessanitti erguu koo ti.

[4] Warri Maqedooniyaa anaa wajjin dhufanii, akka isin hin qophaa'in yoo argan garuu, kan keessan iyyuu hafnaan nuyi warri akkas isin amanannes in qaanofna.

[5] Kana irratti obboloonni kun na dura gara keessan dhufanii, gargaarsa isin arjummaadhaan kennuudhaaf abdachiiftan akka qopheessaniif, isaan kadhachuun barbaachisaa anatti fakkaate; gargaarsi kunis akka kennaa dooqnaatti utuu hin ta'in, akka kennaa arjaatti qophaa'ee nu haa eegu!

[6] Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu, harka utuu hin guutin in galfata; namni harka guutee facaasu immoo harka guutee in galfata.

[7] Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta'in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta'a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.

[8] Yeroo hundumaa waan isin barbaachisu hundumaa argattanii karaa hundumaa of dandeessanii hojii gaariif iyyuu irraa kan isiniif hafu akka qabaattaniif, Waaqayyo isa isin barbaachisu irra caalchisee isiniif kennuuf danda'aa dha.

[9] Akkuma caafame, ?Inni harka guutee, warra dhabaniif in kenna, tolli isaas bara baraan jabaatee in dhaabata? in jedha.

[10] Waaqayyo inni sanyii isa facaasuuf, buddeenas nyaachuudhaaf namaaf kennu, kennaa keessan isiniif in barakachiisa, ija tola keessan irraa galfattanis in baay'isa.

[11] Waan hundumaatti akka arjoomtaniifis karaa hundumaa isin in badhaasa; arjummaa keessan isa nu harkaa fudhattaniif immoo namoonni baay'een Waaqayyoof galata in galchu.

[12] Karaa akkasii namaaf hojjechuun, galanni Waaqayyoof dhi'eeffamu caalaatti akka baay'atu gochuu dha malee, warra Waaqayyoof qulqullaa'aniif qaawwa dhaba isaanii duuchuu duwwaa miti.

[13] Namaaf hojjechuun keessan amanamoo ta'uu keessan waan argisiisuuf, wangeela Kristos isa beeksiftaniif abboomamuu keessaniif, arjummaa isin isaaniif gootanii, namoota kan biraatiinis geessaniif, baay'een guddina Waaqayyoo in himu.

[14] Ayyaana Waaqayyoo isa isin keessatti caalaa adeemuuf, isin yaadaa, isiniifis kadhachaa jiru.

[15] Kennaa isaa isa hammas hin jedhamneef, Waaqayyoof galanni haa ta'u!

Ergaa Phaawulos Gara Warra Qorontositti Erge Isa Lammaffaa — Chapters