[1] Egaa nuyi warri Waaqayyoo wajjin hojjennu, ayyaana Waaqayyoo akka waan waa'ee hin baafnetti akka hin fudhanne cimsinee isin in gorsina.
[2] Waaqayyo, ?Yeroo ana biratti jaallatamee fudhatametti siif dhaga'eera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera? jedha. Kunoo, yeroon jaallatamee fudhatame amma; kunoo, guyyaan fayyinaa amma!
[3] Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu.
[4] Haa ta'u iyyuu malee, nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhi'eessina. Hojjetoota Waaqayyoo ta'uu keenyas argisiisuudhaaf baay'ee in obsina, in rakkanna, gidiraatti, muddamattis in galla;
[5] in reebamna, in hidhamna, gooliin nutti kaafama, hojiitti in dadhabna, hirriba in dhabna, in soomna.
[6] Garaa qulqulluudhaan beekumsaanis in hojjenna, waliif in dandeenya, gaarummaadhaan in jiraanna, hafuura qulqulluutiin in geggeeffamna, jaalala amanamaa in argisiifna.
[7] Dubbii isa dhugaadhaan, humna Waaqayyootiinis in hojjenna, qajeelina akka mi'a waraanaatti [ittiin hojjechuudhaaf] harka mirgaa fi harka bitaatti in qabanna;
[8] ulfinaan salphinaanis, maqaa-baduudhaan, maqaa-toluudhaanis, akka gowwoomsituutti ilaalamuudhaan, dhugaa qabaachuudhaanis in deddeebina.
[9] Utuma beekamnee jirruu akka warra hin beekaminii taane; akka warra du'aniitti in lakkaa'amna, nuyi garuu kunoo in jiraanna! Akka warra adabamanii taane, garuu hin ajjeefamne.
[10] Akka warra gaddaniitti in ilaalamna, garuu nuyi yeroo hundumaa in gammanna; akka warra deeganiitti in lakkaa'amna, garuu namoota baay'ee in sooromsina; akka warra homaa hin qabnetti in ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna.
[11] Yaa warra Qorontos, nuyi afaan guunnee isinitti dubbanne, garaan keenyas isiniif bal'aa dha.
[12] Isintu garaa nutti dhiphate malee, nuyi garaa isinitti hin dhiphanne.
[13] Akkuma nuyi garaa isinitti bal'anne isinis immoo garaa nutti bal'adhaa! jedheen akka ijoollee kootiitti isinitti dubbadha.
[14] Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?
[15] Kristosii fi Seexanni attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree?
[16] Manni qulqullummaa Waaqayyoo immoo waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? Waaqayyo jiraataa dha, nuyis mana qulqullummaa isaa ti; Waaqayyo ofii isaatii, ?Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan deddeebi'a; ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u? jedheera.
[17] Iddoo biraattis immoo, ?Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas; wanta xuraa'aa harkaan hin qabinaa! Anis isinan simadha, jedha gooftaan.?
[18] Akkasumas immoo, ? ?Ani abbaa isiniif nan ta'a, isinis ilmaan koo intaloota koos in taatu? jedha gooftaan inni hundumaa danda'u? jedhameera.