[1] Ani deebi'ee isin gaddisiisuudhaaf gara keessan akka hin dhufne murtoo godheera.
[2] Isinan gaddisiisa yoo ta'e immoo, warruma ani isaan gaddisiise irraa kan hafe eenyutu na gammachiisa ree?
[3] Gara keessan dhufee, namoonni warri na gammachiisuun isaaniif ta'u akka ana hin gaddisiifneef kana isiniif caafeera; gammaduu kootti isinis akka gammaddan isin hin mamu.
[4] Yaadni garaa koo guddaa utuu rakkatuu utuu dhiphatuus, imimmaan baay'ee lolaasaa isiniif caafuun koo, jaalala guddaa ani isiniif qabu sana akka beektaniif malee, isin gaddisiisuuf miti.
[5] Egaa namni tokko isa kaan yoo gaddisiise ana gaddisiise miti; karaa gar tokkoo garuu, irra tuuluu hin ta'in malee, isin hunduma keessan gaddisiisuu isaa ti.
[6] Nama akkasii kana, adabni baay'een keessan irratti walii galtanii kanaan dura isa adabdan, in ga'a.
[7] Namichi gadda baay'ee guddaadhaan liqimfamuu isaa irra, isin yakka isaa dhiiftaniifii isa jajjabeessuun isiniif ta'a.
[8] Egaa isa jaallachuu keessan argisiisuudhaaf akka walii galtan isinan gorsa.
[9] Kanaafis ani wanta hundumaatti abboomamoo ta'uu keessan qoree beekuudhaaf isiniif caafeera.
[10] Nama isin yakka isaa dhiiftaniif anis immoo nan dhiisaaf; wanti ani namaaf dhiisu jira yoo ta'e, sababii keessaniif jedhee fuula Kristos duratti dhiiseeraaf.
[11] Akeeki Seexanaa maal akka ta'e waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana in goona.
[12] Wangeela Kristos lallabuudhaaf mandara Xro'aas yommuun dhufe, gooftaan karaa anaaf banuu isaa nan arge.
[13] Obboleessa koo Tiitoosin achii waanan dhabeef garuu, yaadni koo hin ciifne; kanaafan namootatti nagaa dhaamee, achii ba'ee kutaa biyya Maqedooniyaatti darbe.
[14] Waaqayyo isa yeroo hundumaa karaa Kristos akka warra mo'e duulaa galutti nu adeemsisuuf, Kristosin beekuus akka foolii urgaa'utti harka keenyaan iddoo hundumaan isa ga'uuf galanni haa ta'u.
[15] Nuyi, warra karaa fayyinaa irra jiranii fi warra karaa badiisaa irra jiraniifis foolii Kristos isa Waaqayyotti urgaa'uu dha.
[16] Warra karaa badiisaa irra jiraniif foolii du'aa isa nama ajjeesu, warra karaa fayyinaa irra jiraniif garuu foolii jireenyaa isa nama jiraachisuu dha; egaa eenyutu hojii akkasii kanaaf ta'a ree?
[17] Nuyi akka warra Waaqayyo biraa ergamaniitti karaa Kristos fuula Waaqayyoo duratti garaa guutuudhaan dubbanna malee, akka namoonni baay'een dubbii Waaqayyoo mi'a harkatti gatii dhabe fakkeessanitti miti.