Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:13

[1] Ani Phaawulos ofiin koo garraamummaadhaa fi garalaafummaa Kristosiin cimsee isin nan gorsa; ani yommuun isin bira jiru ?Ija-laafessa?, yommuun isin irraa fagaadhu immoo ?Ija-jabeessa? jedhameera.

[2] Yommuun isin biratti argamu ija-jabinaan akka ana hin dubbachiifne isinan kadhadha; warra akka yaada fooniitti deddeebi'u nuun jedhan irratti, ani ija-jabinaan dubbachuudhaaf yaada koo keessaa akkan qabu of nan amana.

[3] Nama foonii yoo taane iyyuu, akka yaada fooniitti nama lolla miti.

[4] Mi'i waraanaa keenya mi'a da'oo jajjabaa jigsuudhaaf Waaqayyoof hojjechuu danda'uu dha malee, mi'a namni foonii ittiin hojjetu miti; yaada amansiisa hin qabne isa nama wallaalchisuuf qophaa'es in diiga.

[5] Waanuma ogummaa Waaqayyoo gufachiisuudhaaf dura dhaabatu hundumaa diignee, yaada namootaa Kristosiif abboomsisuudhaaf in boojina.

[6] Erga isin raawwattanii abboomamtanii, nuyis immoo abboomamuu diduu hundumaa adabuudhaaf qophoofnee jirra.

[7] Wanta ija keessan duratti mul'atu ilaalaa! ?Ani kan Kristos? jedhee namni of amanatu yoo jiraate, inni kan Kristos akkuma ta'e, nus immoo kan Kristos ta'uu keenya itti haa yaadu!

[8] Aboo gooftaan ittiin isin diiguuf utuu hin ta'in, ittiin ijaaruuf nuuf kenneen utuun caalaatti of jajee iyyuu, ana hin yeellaasisu ture.

[9] Anis nama, caaffata isaatiin isin sodaachisuu barbaade hin fakkaadhun ture.

[10] Jarri tokko waa'ee kootiif, ?Caaffata isaa keessatti dubbii dhimma baasuu fi jajjabaa in caafa; yommuu nu biratti argamee afaaniin dubbatu immoo dadhabaa dha, dubbiin isaas dhimma hin kutu? jedhaniiru.

[11] Nuyi waan isaan irraa fagaannee caaffata keenyaan isaanitti dubbannu, yommuu isaan biratti argamnus isuma hojii irra oolchuuf akka jirru jarri kun haa beekan.

[12] Nuyi warra ofiif dubbatan sanatti of lakkaa'uudhaaf yookiis isaanitti of qixxeessuudhaaf ija hin jabaannu; isaan ija ofii isaaniitiin wal safaru, walii isaaniittis of in qixxeessu, kunis gowwummaa isaanii ti.

[13] Nuyi garuu safara malee of hin jajnu; of jajuun keenya isa Waaqayyo hojiidhaaf safaree nuuf laannaan, nuyis immoo ittiin isin bira geenye keessaa hin ba'u.

[14] Nuyi akka waan kanaan dura isin bira hin ga'in jirrutti isinitti hin hiixannu; nuyi duraan dursinee wangeela Kristos fidne gara keessan dhufneerra.

[15] Hojii namoonni biraa itti dadhabaniin safara malee of hin jajannu; yeroo amantiin keessan guddatu immoo, nuyis akka hojii Waaqayyo safaree nuuf kennetti, isin biratti nama guddaa akka taanu in abdanna.

[16] Ammas nuyi isa namni kan biraa lafa hojii isaatiitti hojjetee qopheesseen utuu of hin jajin, isin garasitti iyyuu darbinee wangeela in lallabna.

[17] Akkuma caafamee jiru iyyuu, ?Namni of jaju, gochaa gooftaatiin of haa jaju!?

[18] Nama gooftaan dubbatuuftu fudhatamaa ta'uu danda'a malee, namni ofiif dubbatu fudhatamaa ta'uu hin danda'u.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Qorontositti Erge Isa Lammaffaa — Chapters