[1] Kanaafis akkuma araara Waaqayyoo fudhannetti, hojii ergaa kanaa hojjechuudhaaf abdii hin kutannu.
[2] Waan yeellaasisaa namni dhoksaatti hojjetu garuu dhiifneerra; haxxummaadhaan hin hojjennu, dubbii Waaqayyoos hin micciirru. Nuyi mul'ifnee dhugaa dubbachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti yaada garaa namootaatti of dhi'eessina.
[3] Wangeelli nuyi lallabnu yoo haguugame immoo, warra karaa badiisaa irra jiran duwwaadhaaf haguugame.
[4] Inni hamaan waaqayyicha bara si'anaa kana ta'e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.
[5] Nuyi ofii keenya utuu hin ta'in ?Yesus Kristos gooftaa dha? jennee in lallabna; nuyi immoo sababii Yesusiif hojjetoota keessan.
[6] Waaqayyo isa, ?Dukkana keessaa ifni haa ifu!? jedhetu, beekumsa ulfina isaa isa fuula Kristos irraa mul'atu ifatti baasuudhaaf garaa keenya keessatti nuuf ibse.
[7] Ammas nuyi warri wanta gati-jabeessa akkasii fudhanne kun, akka qodaa suphee ti; kana eeguudhaaf humni humna gara irraa kan keenya utuu hin ta'in kan Waaqayyoo ti.
[8] Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin kutannu.
[9] In ari'atamna, garuu hin gatamnu; lafaan dha'amna, garuu achumatti hin hafnu.
[10] Yesus jiraataa ta'uun isaa dhagni keenya jiraachuu isaatiin akka mul'atuuf, yeroo hundumaa milikkita du'atti geeffamuu Yesus dhagna keenyatti baannee in adeemna.
[11] Jireenyi Yesus foon keenya isa du'u keessaan akka mul'atuuf, biyya lafaa irra utuu jirruu sababii Yesusiif jennee gaaf hundumaa du'atti dabarfamnee in kennamna.
[12] Egaa duuni nu sodaachisaa jira; isin immoo jireenyatti jirtu.
[13] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Nan amane kanaafan dubbadhe? in jedha; nus immoo hafuuruma amantii sana qabaannee amanne; kanaafis in dubbanna.
[14] Waaqayyo inni gooftaa Yesusin du'aa kaase, Yesusin waan kaaseef, nus immoo kaasee isinii wajjin of bira akka nu dhaabu in beekna.
[15] Akkuma ayyaanni Waaqayyoo caalaatti baay'atee irraa hafe, warri ulfina Waaqayyootiif galata dhi'eessanis akka baay'ataniif kun hundinuu isiniif ta'e.
[16] Kanaafis nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mul'atu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa har'aa bor haara'aa in adeema.
[17] Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddatu sana baachuudhaaf nu qopheessa.
[18] Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla malee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.