[1] Yaa obboloota nana, gochaa ayyaana Waaqayyoo isa waldoota kristiiyaanaa biyya Maqedooniyaatiif raawwatame akka beektan in barbaanna.
[2] Rakkinni baay'isee yoo isaan qore iyyuu safara malee gammadanii, deegni isaanii badduu baasa yoo ta'e iyyuu gargaarsa kennuudhaaf safara malee arjoomaniiru;
[3] isaan jaalaluma isaaniitiin hamma humna isaanii, humna isaanii gara irraattis kennuu isaanii dhugaa nan ba'aaf.
[4] Warra Waaqayyoof qulqullaa'an gargaaruuf, gochaa ayyaanaa kana keessaa akka hirmaataniif cimsanii nu kadhataniiru.
[5] Isaan waan nuyi isaan irraa abdanne caalaa iyyuu godhan; duraan dursanii Waaqayyotti of kennanii, booddee immoo akka fedha Waaqayyootti nuuf of kennan.
[6] Kana irratti Tiitoos gochaa ayyaanaa isa jalqabe kana, isin gidduutti fiixaan akka baasuuf gorsineerra.
[7] Ammas wanta hundumaatti amantiitti, dubbiitti, beekumsatti, dhimmuutti, jaalala nuyi isin gidduutti qabsiifnetti kennaa irraa hafaa akkuma qabdan, gochaa ayyaanaa kanattis kennaa irraa hafaa qabaadhaa!
[8] Kana jechuun koos warri kaan attam akka dhimman argisiisuudhaan jaalalli keessan dhugaa ta'uu isaa qoruudhaaf malee, isin abboomuudhaaf miti.
[9] Isinoo gaarummaa gooftaan keenya Yesus Kristos ayyaana isaatiin isiniif kenne hubattaniittu; inni badhaadhaa utuma jiruu deegaa ta'uu isaatiin isin badhaasuudhaaf isiniif jedhee deegaa ta'e.
[10] Gochaa isa bar-dheengaddaa jaalala keessaniin hojii irra oolchuu jalqabdan itti fufuun isiniif ba'eessa jedheetan yaada koo kenna.
[11] Egaa jaalala keessaniin waa gochuudhaaf qophaa'oo akkuma taatan, waanuma qabdaniin hojii irra oolchuu isaas fiixaan baasaa!
[12] Namni kennuudhaaf qophaa'aa erga ta'ee, wanti inni dhi'eessu sun akka humna isaatti fudhatamaa ta'a malee, humna isaa gara irraatti miti.
[13] Kanas ofii keessan dhabsiiftanii, warra kaan rakkina keessaa akka baaftaniif utuu hin ta'in, gara lachuuf iyyuu akka wal qixxaatu jechuu koo ti.
[14] Wanti isaan irraa hafuuf jiru qaawwa dhaba keessanii akka isiniif duuchutti, wanti amma isin irraa hafu immoo qaawwa dhaba isaanii akka duuchuuf gargaaraa! Akkasitti gara lachuuf iyyuu wal in qixxaata.
[15] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Isa baay'ee bu'ateef homtuu irraa hin hafneef, isa xinnoo bu'atetti homtuu itti hin hir'anne? jedha.
[16] Waaqayyo isa Tiitoosin akkas baay'isee akka isiniif dhimmu godheef galanni haa ta'u!
[17] Tiitoos yaada nuyi itti dhi'eessine fudhatee, ofii isaatiis caalaa waan dhimmuuf jaalaluma isaatiin isin bira dhufuu isaa ti.
[18] Isaa wajjin obboleessa isa wangeela lallabuutti waldoota kristiiyaanaa hundumaa biratti beekamaa ta'e erguu keenya.
[19] Obboleessi kun beekamuu duwwaa utuu hin ta'in, gochaa ayyaanaa isa ulfina gooftichaatiif, fedha gaarii qabnu argisiisuudhaafis itti fufaa jirru keessatti, nuyii wajjin akka adeemuuf immoo waldoota kristiiyaanaatiin fo'ameera.
[20] Qabaa horii baay'ee gargaarsaaf walitti qabame kanaa irratti namni tokko illee maqaa gadhee akka nuuf hin kenninetti oolchuudhaaf in dhamaana.
[21] Akeeki keenya fuula gooftaa duratti duwwaa utuu hin ta'in, fuula namootaa durattis immoo wanta galata qabu hojjechuu dha.
[22] Egaa nuyi obboleessa keenya tokko immoo waan baay'eetti qorree, si'a baay'ee dhimmaa ta'uu isaa bira geenyee, jara kanaa wajjin erguu keenya; innis guddaa waan isin amanateef amma caalchisee iyyuu in dhimma.
[23] Tiitoos garee koo ti, isiniif hojjechuuttis hidhata koo ti; obboloonni koo kun waldoota kristiiyaanaa biraa ergamanii, ulfina Kristos argisiisu.
[24] Jaalala keessan itti argisiisaa! Kanaanis jara kanatti isin jajuun keenya dhugaa ta'uu isaa waldoota kristiiyaanaa biratti mul'isaa!