Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:28

[1] Yesus kun Masiihicha ta'uu isaa namni amanu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti; isa dhalche sana namni jaallatu isa abbichattii dhalates immoo in jaallata.

[2] Waaqayyoon yommuu jaallannu, abboommii isaas yommuu goonu, ijoollee Waaqayyoo jaallachuu keenya in hubanna.

[3] Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba'aa ulfaatoo miti.

[4] Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo'amu kunis amantii keenya.

[5] Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.

[6] Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana; innis Yesus Kristos. Inni bishaan duwwaadhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri qulqulluun kana dhugaa in ba'a, hafuurichi dhugaa dha.

[7] Dhuga-baatuu sadiitu jira.

[8] Isaan kunis hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba'u.

[9] Isa namoonni dhugaa ba'an kan fudhannu erga taanee, inni Waaqayyo dhugaa ba'u immoo in caala. Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaatiif dhugaa ba'ee dha.

[10] Namni ilma Waaqayyootti amanu, dhugaa kana of keessaa qaba; namni Waaqayyoon hin amanne garuu, isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba'e waan amanuu dhiiseef, Waaqayyoon sobduu gochuu isaa ti.

[11] Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama.

[12] Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.

[13] Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.

[14] Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti isa in amananna.

[15] Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beekne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beekna.

[16] Namni tokko obboleessi isaa cubbuu du'a [bara baraatti] isa hin geessine utuu hojjetu yoo arge haa kadhatuuf, Waaqayyo jireenya isaaf in kenna. Kunis warra cubbuu du'a [bara baraatti] isaan hin geessine hojjetan duwwaadhaaf ta'a; cubbuun du'a [bara baraatti] nama geessu jira; namni isa akkasii kanaaf haa kadhatu jechuu koo miti.

[17] Seera malee jiraachuun hundinuu cubbuu dha; garuu cubbuun du'a [bara baraatti] nama hin geessine jira.

[18] Namni mucaa Waaqayyoo ta'e cubbuutti qabamee akka hin jiraanne in beekna; ilmi Waaqayyoo isa in eega, inni hamaanis isa hin tuqu.

[19] Nuyi kan Waaqayyoo akka taane, guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna.

[20] Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana.

[21] Yaa ijoollee ko, waaqayyolii tolfaman irraa of eeggadhaa!

Ergaa Yohannis Erge Isa Duraa — Chapters