Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:59

[1] Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa dha.

[2] Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.

[3] Abboommii isaa eeguudhaan isa beekuu keenya in hubanna.

[4] Namni, ?Ani isa beeka? jedhee, abboommii isaa immoo hin eegne sobduu dha, dhugaanis isa keessa hin jiru.

[5] Namni dubbii isaa eegu Waaqayyoon dhuguma akka jaallatu fiixaan baasee in argisiisa; kanaanis isatti jiraachuu keenya in hubanna.

[6] Namni, ?Isatti nan jiraadha? jedhu immoo, karaa Yesus Kristos irra adeeme irra adeemuun in ta'aaf.

[7] Michoota ko! Abboommii moofaa isa durii durii jalqabee isin bira ture malee, amma abboommii haaraa isiniif hin caafu; abboommiin moofaan sun immoo dubbicha isuma isin dhageessanii dha.

[8] Karaa tokko immoo abboommii haaraa isiniif nan caafa, kunis isa biratti isin birattis dhugaa dha; ifni dhugaa ammumaa waan ibsuuf, dukkanni darbuutti jira.

[9] Namni, ?Ani ifa keessan jira? jechaa obboleessa isaa immoo jibbu, amma iyyuu dukkana keessa jira.

[10] Namni obboleessa isaa jaallatu ifa keessa in jiraata; isa keessas wanti nama gufachiisu hin jiru.

[11] Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira, dukkanicha keessas in deddeebi'a; dukkanichi ija isaa waan jaamseef, gara itti adeemu hin beeku.

[12] Isin ijoollota nana! Maqaa isaatiin cubbuun keessan akka isiniif dhiifame isiniif caafuuttan jira.

[13] Isin abboota nana! Isa jalqabaa jalqabee jiru sana akka isin beektan isiniif caafuuttan jira. Isin dargaggoota nana! Isa hamaa akka mootan isiniif caafuuttan jira.

[14] Isin ijoollota nana! Abbaa akka isin beektan isiniif caafeera; isin abboota nana! Isa jalqabaa jalqabee jiru sana akka beektan isiniif caafeera. Isin dargaggoota nana! Isin jaboo akka taatan, dubbiin Waaqayyoos isin keessa akka jiraatu, isa hamaas akka mootan isiniif caafeera.

[15] Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru.

[16] Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba'a malee, abbaa biraa hin ba'u.

[17] Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.

[18] Ijoollee! Yeroon kun isa dhumaa ti. Kristosiin kan mormu akka dhufu kanaan dura dhageessaniittu; ammas warri Kristosiin morman baay'ataniiru. Kanaafis yerichi isa dhumaa akka ta'e nuyi in beekna.

[19] Isaan nu keessaa ba'an malee kan keenya miti; utuu kan keenya ta'anii, nuu wajjin itti in fufu turan. Garuu isaan hundinuu kan keenya akka hin ta'in haa mul'atuuf nu keessaa ba'an.

[20] Isin garuu isa qulqulluu sanaan dibamtaniittu; hundumti keessanis beektota.

[21] Isin dhugaa waan hin beekneefan isiniif caafe miti, waan isin isa beektaniif dhugaa keessaas sobni tokko illee waan hin baaneefan isiniif caafe malee.

[22] Isuma Yesus kun, Kristos yookiis Masiihicha ta'uu isaa ganu malee, sobduun eenyu ree? Mormituun Kristos, inni abbaa fi ilma ganu isa kana.

[23] Namni ilmicha ganu abbichaa wajjin firooma hin qabu; ilmicha amanachuu isaa kan beeksisu immoo abbichaa wajjinis firooma qaba.

[24] Wanti isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan garaa keessan keessa haa jiraatu! Wanti isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan garaa keessan keessa yoo jiraate, isinis ilmichaa fi abbicha keessa in jiraattu.

[25] Abdiin inni nu abdachiise isa kana; innis jireenya bara baraa ti.

[26] Kanas waa'ee warra karaa irraa isin kaachisuutti jiraniifan isiniif caafe.

[27] Dibanni isin isa biraa fudhattan garuu isin keessa in jiraata; inni waan isin barsiisuuf namni biraa isin barsiisuu hin barbaachisu. Hafuurri isaa inni dibata jedhame kun waa'ee waan hundumaa isin in barsiisa; barsiifni isaas dhugaa dha, sobnis keessa hin jiru. Egaa akkuma inni isin barsiisetti isatti jiraadhaa!

[28] Ammas yaa ijoollee ko! Yeroo Kristos mul'atutti ija-jabina akka qabaannu malee, guyyaa dhufa isaatti yeelloodhaan akka hin rifanneef, isumatti jiraadhaa!

[29] Inni qajeelaa ta'uu isaa erga beektanii, namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu immoo mucaa Waaqayyoo ta'uu isaa hubachuu in dandeessu.

Ergaa Yohannis Erge Isa Duraa — Chapters