Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:52

[1] Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa immoo Waaqayyoon waan hin beekneef, nu hin beeku.

[2] Michoota ko! Nuyi amma ijoollee Waaqayyoo ti; isa booddee immoo maal ta'uuf akka jirru mul'ataa miti. Haa ta'u iyyuu malee, yommuu inni mul'atu inni akka jirutti isa arguuf waan jirruuf, akka isaa akka taanu beekna.

[3] Akka kanatti kan isa abdatu hundinuu akkuma isa qulqulluu sanaatti of in qulqulleessa.

[4] Cubbuu kan hojjetu hundinuu seera malee in jiraata; cubbuunis seera malee jiraachuu dha.

[5] Kristos cubbuu balleessuudhaaf akka mul'ate in beektu; inni garuu cubbuu hin qabu.

[6] Egaa namni isatti qabamee jiraatu hundinuu cubbuu hin hojjetu; namni cubbuu hojjetu hundinuu garuu isa hin argine, isa hin beeknes.

[7] Yaa ijoollee ko, homtinuu karaa irraa isin hin kaachisin! Inni sun qajeelaa akka ta'e, namni waan qajeelaa hojjetu qajeelaa dha.

[8] Seexanni jalqabaa jalqabee cubbuu waan hojjeteef, namni cubbuu hojjetu kan Seexanaa ti; ilmi Waaqayyo immoo hojii Seexanaa diiguudhaaf mul'ate.

[9] Namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu, sanyii Waaqayyoo waan ta'eef cubbuutti qabamee hin jiraatu; mucaa Waaqayyoo waan ta'eefis cubbuutti qabamee jiraachuu hin danda'u.

[10] Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu.

[11] Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, ?Wal jaallachuun nuuf ta'a? isa jedhuu dha.

[12] Akka Qaayin ta'uun hin ta'u. Inni kan isa hamaa sanaa ture; obboleessa isaas in ajjeese. Sababii maaliitiif immoo isa ajjeese? Hojiin ofii isaa hamaa ta'ee, hojiin obboleessa isaa qajeelaa waan ta'eef isa ajjeese.

[13] Obboloota ko, namoonni biyya lafaa yoo isin jibban hin dinqifatinaa!

[14] Nuyi obboloota waan jaallannuuf du'a keessaa gara jireenyaatti akka darbine beekna; namni nama hin jaallanne immoo du'a keessatti hafa.

[15] Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha; namni nama ajjeese abdii jireenya bara baraa of keessaa akka hin qabne isin iyyuu beektu.

[16] Kristos lubbuu isaa nuuf kennuu isaatiin jaalalli maal akka ta'e hubanneerra; egaa nus immoo lubbuu keenya obbolootaaf kennuun nuuf ta'a.

[17] Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?

[18] Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta'in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!

[19] Nuyi kan dhugaa ta'uu keenya kanaan hubachuuf jirra, fuula Waaqayyoo durattis garaa keenya calluma in jechisiifna.

[20] Garaan keenya yeroo nutti faradutti immoo, Waaqayyo garaa keenya irra caalee waan hundumaa akka hubatu in beekna.

[21] Yaa michoota ko! Garaan keenya yeroo nutti hin farannettis, Waaqayyo duratti ija-jabina qabna.

[22] Nuyi waanuma isa kadhannu isa biraa in fudhanna; abboommota isaa in eegna, waan isa gammachiisus in hojjenna.

[23] Abboommiin isaa kunis, ?Maqaa ilma koo Yesus Kristositti amanaa! Akka abboommii inni kennettis walii keessan jaalladhaa!? nuun jedha.

[24] Namni abboommota isaa eegu isa keessa in jiraata; innis namicha keessa in jiraata; hafuura inni nuuf kenneenis nu keessa jiraachuu isaa in hubanna.

Ergaa Yohannis Erge Isa Duraa — Chapters