Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:30

[1] Michoota ko! Warra hafuuraan in dubbanna jedhan hunda hin amaninaa, Waaqayyo biraa yoo ta'an hafuurota isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee, raajonni sobduun baay'een gara biyya lafaatti ba'aniiru.

[2] Hafuurri, Yesus Kristos fooniin dhufuu isaa amanatee beeksisu hundinuu kan Waaqayyoo ti; kanaanis hafuura Waaqayyoo ta'uu isaa in hubattu.

[3] Hafuurri akka kanatti Yesusin amanatee hin beeksifne hundinuu garuu, kan Waaqayyoo miti; inni kun hafuura isa Kristosiin mormu, isa isin akka inni dhufu dhageessanii dha. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.

[4] Ijoollee ko! Isin kan Waaqayyoo ti, raajota sobduu sanas mootaniittu; hafuura isa biyya lafaa keessa jiru sana irra, isa isin keessa jirutu caala'o.

[5] Isaan kan biyya lafaa ti; kanaaf isa biyya lafaa in dubbatu, biyyi lafaas isaan in dhaggeeffata.

[6] Nuyi kan Waaqayyoo ti, namni Waaqayyoon beekus nu dhaggeeffata; inni kan Waaqayyoo hin ta'in immoo nu hin dhaggeeffatu. Kanaan hafuura dhugaa, hafuura sobaattii gargar baafne in hubanna.

[7] Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta'eef, kottaa wal in jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti, Waaqayyoonis in beeka.

[8] Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne.

[9] Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate.

[10] Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.

[11] Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta'a.

[12] Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa hin argine; yoo wal jaallanne, Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaa ti.

[13] Inni hafuura ofii isaatii irraa waan nuuf kenneef, nuyi isa keessa, innis nu keessa akka jiraatu in hubanna.

[14] Abbaan ilma isaa fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge, nuyi argineerra, dhugaas in baana.

[15] Namni Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanee yoo beeksise, Waaqayyo isa keessa, innis Waaqayyo keessa in jiraata.

[16] Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amanneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata.

[17] Biyya lafaa kana keessatti akkuma Kristos jiraatetti jiraachuu keenyaan guyyaa firdiif ija-jabina qabna; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu biratti fiixaan ba'uu isaa ti.

[18] Jaalala keessa sodaan hin jiru; jaalalli inni iddoo ga'e sodaa gad baasee in gata; sodaan adabatti hidhamee waan jiruuf, namni sodaatu jaalalli isaa iddoo hin geenye.

[19] Inni duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa!

[20] Namni, ?Waaqayyoon nan jaalladha? jedhee, obboleessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu dha; obboleessa isaa isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu hin danda'u.

[21] Egaa namni Waaqayyoon jaallatu, obboleessa isaa immoo akka jaallatuuf abboommii kana isa biraa arganne.

Ergaa Yohannis Erge Isa Duraa — Chapters