Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:37

[1] Waa'ee isa jalqabaa jalqabee ture, sagalee jireenyaa sanaa isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyeerra, ija keenyaan isa argineerra, ilaallees harka keenyaan isa qaqqabanneerra.

[2] Jireenyichi mul'ifameera; nuyi isa argineerra, isaafis dhugaa in baana; jireenya bara baraa isa abbaa bira ture, nuttis mul'ifame kana isinitti in himna.

[3] Isinis nuu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti in himna; tokkummaan keenya immoo abbaadhaa wajjin, ilma isaa Yesus Kristosii wajjinis.

[4] Kana hundumaas gammachuun keenya guutuu akka ta'uuf isiniif caafna.

[5] Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru; ergaan nuyi isa irraa dhageenyee isinitti himnus isuma kana.

[6] Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo deddeebine, in sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu.

[7] Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa.

[8] Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru.

[9] Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.

[10] Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.

Ergaa Yohannis Erge Isa Duraa — Chapters