Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:31

[1] Ana isa maanguddicha biraa, haa ga'u gara haadha warraa ishee fo'atamtee fi gara ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan jaalladhu; ana kophaa miti, warri dhugaa hubatan hundinuu isin in jaallatu malee.

[2] Jaalalli kunis, dhugichi inni nu keessatti hafee jiru bara baraan waan nu bira jiraatuuf.

[3] Ayyaanni, araarri, nagaanis Waaqayyo abbaa biraa, Yesus Kristos ilma abbaa biraas dhugaatti, jaalalattis nuu wajjin haa ta'u.

[4] Ijoollee kee keessaa kaan, akkuma nuyi abbaa biraa abboomamnetti dhugicha duukaa utuu bu'anii argachuun baay'ee na gammachiise.

[5] Yaa haadha warraa! Abboommii haaraa siif caafuuf miti, garuu nuyi walii keenya akka jaallannu, abboommii isa durii durii jalqabnee qabna turre sana sin yaadachiisa malee.

[6] Jaalala jechuun akka abboommii Waaqayyootti jiraachuu dha; akkasitti akka jiraattaniif, abboommiin jalqabaa jalqabdanii dhageessan isa kana.

[7] Warri nama wallaalchisan, Yesus Kristos fooniin dhufuu isaa amananii warri hin beeksifne, baay'een gara biyya lafaatti ba'aniiru; inni nama wallaalchisu, inni Kristosiin mormus isa akkasiitti.

[8] Of eeggadhaa! Miindaa guutuu akka argattaniif, kanaa achi inni itti dadhabdan hundinuu isin duraa in bada.

[9] Namni barsiisa Kristositti qabamuu dhiisee, kana irra darbee barsiisu, Waaqayyoon of biraa hin qabu; inni barsiisichatti qabamee jiraatu immoo, abbaa, ilmas of biraa qaba.

[10] Namni barsiisa kana hin fudhanne isin barsiisuuf yoo dhufe garuu, mana keessanitti isa hin simatinaa! Nagaa iyyuu isa hin gaafatinaa!

[11] Namni nagaa isa gaafatu, hojii isaa isa hamaattii hirmaachuu isaa ti.

[12] Kanan isiniif caafu illee waan baay'ee qaba; garuu gammachuun keenya guutuu akka ta'uuf, qalamiidhaan waraqata irratti isiniif caafuu hin barbaanne. Ani dhufee wal arginee afaaniin isinii wajjin haasa'uu nan abdadha.

[13] Ijoolleen obboleettii kee ishee fo'atamtee nagaa siif dhaamu.