Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:15

[1] Michoota ko! Ani amma ergaa lammaffaa isiniif caafuu koo ti; isaan keessatti isin yaadachiise yaada keessan isa qullaa'aa nan dammaqsa.

[2] Wanta raajonni qulqulloonni duraan dursanii dubbatan, abboommii gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa isa karaa ergamoota warra isiniif hojjetanii argattan yaadadhaa!

[3] Guyyoota gara dhumaatti ga'iftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan ka'uuf akka jiran, duraan dursaatii beekaa! Isaan isinitti ga'isuudhaaf,

[4] ?Deebi'ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du'anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata? in jedhu.

[5] Jarri kun bantiiwwan waaqaa durii jalqabanii akka uumaman, laftis sagalee Waaqayyootiin bishaaniin uumamee, bishaan keessaas ba'uu isaa yaadachuu dadhaban.

[6] Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee akka balleeffame hin yaadanne.

[7] Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaa'amanii jiru.

[8] Michoota ko! Guyyaan tokko goofticha biratti akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ta'uu isaa yaadatti qabadhaa!

[9] Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu; akka namoonni tokko seesuutti isa lakkaa'an miti. Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaanneef obsaan isiniif in danda'a.

[10] Guyyaan gooftaa immoo akka hattuun dhuftutti in dhufa; guyyaa sanatti bantiiwwan waaqaa sagalee guddisee didichuun in dhidhimu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu ho'a ibiddaatiin wal in gad-dhiisa; lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii in badu.

[11] Wanti kun hundinuu akkasitti wal in gad-dhiisa erga ta'ee, isin namoota attamii ta'uutu isiniif ta'a ree? Jireenya qullaa'aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta'u jiraachuun isin irra jira.

[12] Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu. Guyyaa sanaafis bantiiwwan waaqaa ibiddaan gubatanii wal in gad-dhiisu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuus ho'a ibiddaatiin in baqa.

[13] Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kennetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.

[14] Kanaafis michoota ko, isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhama'aa!

[15] Gooftaan obsaan isiniif danda'uu isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaa'adhaa! Obboleessi keenya Phaawulos inni jaallatamaan ogummaa Waaqayyo isaaf kenneen waa'ee isaatiif isiniif caafeera.

[16] Inni ergaa isaa hundumaa keessatti waa'ee dubbii kanaaf yeroo caafu akkuma kana in dubbata. Ergaa isaa keessa illee wanti hubachuun isaa nama dhibu tokko tokko jira; isa kanas warri wallaalonni, warri waanuma argan qabanii gad dhiisan, akkuma caaffata qulqullaa'aa isa kaanis jal'isan, badiisaaf akka isaanitti ta'utti hiikaa isaa in micciiru.

[17] Isin garuu michoota ko, isa kana duraan dursitanii beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin fudhatamtanii sokkitanii, isa jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of eeggadhaa!

[18] Ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuuttis guddadhaa! Bara si'anaatti guyyaa bara baraattis isaaf ulfinni haa ta'u! Ameen.

Ergaa Phethros Erge Isa Lammaffaa — Chapters