[1] Bilisumma’aan akka leenuuf Kiristoos bilisa nu baase. Tanaaf jabaadha’aa dhaabbadha’a! Deebitaneelle waanjoo garboomaatiin hin hidhamina’a!
[2] Dhage’aa! Yoo haqanqabaa ifi qassiittane, akka Kiristoos ijjumaa isiniif wo hin baane, ani Phawuloos isinitti hima.
[3] Nami haqanqabaa qassiiffatu mara, dirqama Seera duudii muummeesiisaa akka qabu ani ammalle dhugaa hin bayaaf.
[4] Isin worri Seera eeggatiisaan balchoomiisaaf barbaaddanu, Kiristoos irraa ifi kuttaneertan; badhaadha waaqaa irralle’ee bayyattaneertan.
[5] Nuuti ammoo karaa Ayyaana Waaqaatiin, balchummaa addii godhannu dhugeeffanna’aan dharra’aa eegganna.
[6] Kiristoos Yesuusiin yoo jiraanne, dhugeeffannaa jaalalaan hujjuttuu gatii qaddi malee, haqanqabaa qabatiisa yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisaa moti.
[7] Isin akkuma dansaa hujaa turtane; akka isin dhuga’aaf hin ajajanne eentu gufuu isinitti te’e ree?
[8] Hawwadiin tun ta Waaqa gara dhuga’aa isin waamu biraa dhuttee moti.
[9] Uukoon diqqoon bukoo duudii bukeessiti.
[10] Akka isin yaada kana irraa gore hin qabaatiin, ani Gootta’aan ifi-addii qaba. Eennulle teenaan nami isin jaanjursu muraa hin fudhata.
[11] Ammoo obboleeyyan tiyya, haqanqabaa qabatiis barbaachisaa akka te’e, adoo waan lallabiisatti jiraadhee, maaf na miidhan ree? Yoo akkasii, fannoon Kiristoosii namaaf gufuu te’iis, silaa hin hafaayyu.
[12] Worri isin jaanjursu sun, haqanqabaa qabatiisa callaa adoo hin te’in, adoo ifi yakkate ani hin jaaladha.
[13] Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma’aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila’a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu’uu hin godhatina’a!
[14] Seerri duudiin Jecha, «Akkuma ifi jaallattu nama jaalladhu!» jedhuun wolitti qabama.
[15] Yoo ammoo ka wol cicciniittanee wol nyaattanu teete, akka wol hin balleessine ifi eeggadha’a!
[16] Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan soorreffamaa le’aa malee, halchaa foonii hin muummessina’a!
[17] Halchaan foonii halchaa Ayyaanaatiin mormiti; halchaan Ayyaanaalle halchaa fooniitiin mormiti; halchaan lamaan tun waan wol mormituuf, waan jaallattanu godhiisaaf hin dandeettanu.
[18] Yoo Ayyaanaan soorreffantane ammoo, Seera jala hin jirtanu.
[19] Hujiin foonii ta beekkante. Isiille: sagaagaluu, battummaa, baalagummaa,
[20] waaqota dharaa waaqonsuu, moruu, diinummaa, moromaa, hinaaffaa, mufii, ifi jaallatuu, wol dhabuu, wol fojuu,
[21] dhiibbaleessa te’uu, machii, sarbicha dhiitu’uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi’ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
[22] Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansumaa, addatama,
[23] qajeelumma’aa fi if qabu’u. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.
[24] Worri ka Kiristoosii te’e, halchaa hantu’uu fi fedha isaa woliin foon ifii fanniseera.
[25] Worra Ayyaanaan leenu yoo teene, Ayyaanaan sooreffannuu ti.
[26] Wol aarsaa, wol hinaafaa, tola mee ifi jajnuu ti!