[1] Worra Galaatiya’aa gowwoole’e! Eentu muusessee isin dooche? Yesuus Kiristoos fannifamee, akka waan barreeffamee rarraafamee, ila teessan dura jiraayyuu.
[2] Ani waan tokko callaa beekuu barbaada: isin Seera eeggatiisaan moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee itti dhugeeffatiisaan Ayyaana Woyyicha fudhattane?
[3] Attam akkas gowwitan? Ayyaana Waaqaatiin jalqaddanee, amma ammoo yaada fooniitiin muummessu’u barbaaddanii ree?
[4] Dhugumaan waan woy hin baaneef yoo te’e, toluma waan isin irra dhaqqabe kana mara fudhattanee ree?
[5] Waaqi Ayyaana ifii isinii kennee, bilbaasa isin oddu’utti wonni hujuuf, waan Seera eeggattaneef moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee waan itti dhugeeffattaneef?
[6] Abrahaam ilaala’a me; Barreeffami Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle balchumma’atti laakkowanteef» jedha.
[7] Maarre worri dhugeeffatu maraa ilmaan Abrahaamii akka te’e hubadha’a!
[8] Barreeffam Woyyichi akka Waaqi worra gosa isaa hin te’in dhugeeffanna’aan balchoonsu, duraan dursee dhaggee Abrahaamiin, «Gosi maraa si’iin hin eebbifama» jedhee, Oduu Gammadaa itti himeera.
[9] Tanaaf worri dhugeeffatu maraa, Abrahaamii dhugeeffate woliin ka eebbiffame.
[10] Barreeffam Woyyichi, «Waan Kitaaba Seeraa keesatti barreeffame mara, nami hin eegganne maraa ka abaarame!» waan jedhuuf, worri Seera eeggatiisatti ciqliffatu abaarsa jala jira.
[11] Barreeffam Woyyichi, «Nami balchaan dhugeeffanna’aan le’a» waan jedhuuf, eennulle Waaqa duratti Seeraan balchoomiisaaf akka hin dandeenne ifa.
[12] Seerri dhugeeffannaa irratti hin hundeeffamu; te’uu malee Barreeffam Woyyichi, «Nami waan Seerri jedhu guutu, ittiin hin le’a» jedha.
[13] Barreeffam Woyyichi, «Nami muka irratti rarraafamu maraa ka abaarame» waan jedhuuf, Kiristoos nu’uuf jedhee abaaramaa te’ee, abaarsa Seerri nutti fidu jalaa nu wode.
[14] Eebbi Abrahaam dhaggate, karaa Kiristoos Yesuusiitiin, worra Yihudoota hin te’in maraaf akka kennamuuf, Ayyaana Waaqi addii kennelle, dhugeeffanna’aan akka fudhannuuf Kiristoos nu wodeera.
[15] Obboleeyyan tiyya, le’ii guyyuma guyya’aa keessaa fakkeenna tokko fuudhee dubbadha: yoo nami lamaan waan tokko irratti wolii galee, wolii galtee san mallatteesse, eennulle wolii galtee san diigiisaaf, yookiin wo itti dabaliisaaf hin dande’u.
[16] Maarre Waaqi Abrahaamii fi sanyii isaatiif addii kenneera; Barreeffam Woyyichi, akka nama heddu’uuf dubbatamuutitti, «Sanyoota» hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamuutitti, «Sanyii» jedha, innille Kiristoos.
[17] Kana jechuun kiyyalle, Seerri woggaa dhibba afurii fi soddomaan duuba kenname, gondooroo qara Waaqaan gondoorante diigee, waadaa galame san balleesiisaaf hin dande’u jechuu kiyya.
[18] Kennansi Waaqaa Seeratti ciqilfatiisaan adoo te’ee, waadaa galametti ciqilfatiisaan hin te’uuyyu. Te’uu malee, karaa waadaa galameetiin, Waaqi kennansa ifii Abrahaamiif kenneera.
[19] Yoona Seerri maaf kenname ree? Sanyiin Abrahaamiif waadaa galameen kenname haga dhufu, seera tariis maan akka te’e mudhisiisaaf, Seerri dabalamee kenname. Seerri ergantoota Waaqaatiin, karaa araarsaa tokkochaatiin kenname.
[20] Te’uu malee, araarsaan tokko golii lama wolakka’atti malee takkaa calla’aaf hin barbaachisu; Waaqi ammoo tokkocha.
[21] Seerri waadaa Waaqi galeen hin mormaa ree? Ijjumaa hin mormu! Seerri akka jiruu kennuuf adoo kennamee jiraate, sila dhugumaan, Seera eeggatiisaan balchumaan hin dhaggantiiyyu.
[22] Waadaan galame, ta Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan dhaggantu, worra dhuggeeffatuuf akka kennantuuf, Barreeffam Woyyichi biyyi lafaa duudiin cubbu’uuf bitamiisaan hidhantee akka jirtu dubbata.
[23] Adoo dhugeeffannaan hin dhufin dura, haga dhugeeffannaan mudhatutti, Seeraan hidhannee, Seera jalatti eeggamaa ture.
[24] Maarre nuuti dhugeeffanna’aan akka balchoonnuuf, haga Kiristoos dhufu, Seerri guddisoo keenna te’eeraayyu.
[25] Amma ammoo, dhugeeffannaan waan dhutteef, haganaa achi guddisoo Seeraa jala hin jiraannu.
[26] Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatiisaan, isin martinuu ijoollee Waaqaa ti.
[27] Isin worri Kiristoos woliin tokko te’iisaaf cuuphantane maraa, Kiristoos akka woya’aa uffattaneertan.
[28] Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi’iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te’in, dhiiraa fi dubartii oddu’utti garaagarummaan hin jirtu.
[29] Ka Kiristoosii eega teetane, isin sanyii Abrahaamii ti; waan Waaqi isiniif addii kennelle hin dhaaltan.