[1] Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu’uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma’aan isa qajeelcha’a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha’a.
[2] Ba’aa wolii ba’adha’a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan.
[3] Nami woy hin baane tokko, nama woy bawu yoo ifi seye, ifi gowwoonsa.
[4] Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te’in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata.
[5] Nami maraa ba’aa ifii ba’atuu qaba.
[6] Nami Jecha Waaqaa baratu, barsiisaa ifii woliin waan dansaa mara qoodamuu ti!
[7] Ifi hin sobina’a! Waaqatti funnaan hin dhaabanu. Nami waanuma facaase haammata.
[8] Nami akka fedha foon ifii facaasu, fedha foon ifii irraa du’a haammata; nami akka fedha Ayyaanaa facaasu, Ayyaana irraa jiruu bara baraa haammata.
[9] Yoo addii kutatuu dhanne, yennaan haamma’aa yennaa geette, waan wolitti qabannuuf, hujii dansaa hujiisa mee dadhannuu ti.
[10] Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti.
[11] Qubee gugurdoo attamiitiin akka ani harka kiyyaan isiniif barreessiisatti jiru ilaala’a!
[12] Worri waan nafa namaa irratti alaan mudhatu dhaggisiisuu barbaadu, akka isin haqanqabaa qabattanu hunnaan isin godha. Marroo fannoo Kiristoosiitiif, akka miidhaan isaan hin geenne qofaaf tana godhan.
[13] Isaan haqanqabaa qabatiisa keessaniin ifi jajiisaaf, haqanqabaa qabatiisa keessan barbaadan malee, worri haqanqabaa qabateeyyuu Seera hin eegatu.
[14] Fannoo Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii, ta biyyi lafaa ana irraa ittiin fannifante, ka anille biyya lafaa jalaa ittiin fannifameen malee, waan biraatiin ifi jajuun ijjumaa anaaf hin te’in.
[15] Dadaa haareya te’iisa malee, haqanqabaa qabatiisii, yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisi womaayyuu moti.
[16] Worra seera kana hordofu maraa fi Israa’elii worra Waaqaa teeteef, nageyaa fi marartiin teetu.
[17] Gadaannisi ani nafa kiyya irratti qabu, garbicha Yesuusii te’uu kiyya waan mudhisuuf, haganaa achi namuu ana hin rakkisin.
[18] Obboleeyyan tiyya, badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ameen.