Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:03

[1] Ammalle wonni ani jedhuu barbaadu kana: ilmi karra abbaa ifii dhaalu tokko, karra abbaa ifii mara irratti goottaa yoo te’elle, haga ijoollumma’aan jiru garbicha tokko hin caalu.

[2] Yennaan abbaan isaaf murteesse haga geettu, harka worra isa guddisuutii fi worra isa bulchuu jala tura.

[3] Nuutille akkasuma, ayyaanaan adoo hin guddatin duratti, seera biyya lafaatiif garba teenee turre.

[4] Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule.

[5] Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe.

[6] Isin ilmaan isaa waan teetaneef, Waaqi Ayyaana ilma ifii ka, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keessa keennaa ergeera.

[7] Maarre yoona, ati ilma malee garbichaa moti; ilma eega teete, Waaqi akka dhaaltu si godheera.

[8] Isin dur adoo Waaqa hin beekin, waan dadamaan waaqota dhuga’aa hin te’iniif garba teetaneertaniiyyu.

[9] Amma ammoo Waaqa beettaneertan; dhugumaan Waaqi isin beekeera. Attam deebitanee gara hunnoota biyya lafaa dadhaboole’ee fi ka woy hin baane kanatti garagaltan ree? Ammalle deebitanee garba isaanii te’iisaaf barbaaddan?

[10] Guyyaa, ji’a, bonaa-gannaa fi woggaa adda te’e ulfeessitan.

[11] Hujiin ani isinii huje mara tola baddeerti jedhee isinii sodaadha.

[12] Obboleeyyan tiyya, waan ani akka keessan te’eef, isinille akka kiyya akka teetanuuf isin kadhadha. Isin womaa ana hin yakkine.

[13] Yennaa jalqabaa, akka ani sababa dhibee tiyyaatiin, Oduu Gammadaa isinii lallabe, isinuu hin beettan.

[14] Dhibeen tiyya ilaalachaa isinitti teetulle, akka ergamaa Waaqaatii fi akka Kiristoos Yesuusiititti na fudhattane malee, isin ana hin tuffanne, yookiin ana hin jibbine.

[15] Gammad keessan sun eessa dhaqe ree? Adoo dandeettane ila teessanille ifi keessaa baattanee, worra anaaf kennitanu akka teetane anuu dhugaa hin baya.

[16] Ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan te’ee ree?

[17] Namooti kuun isiniif akka malee yadatan, te’uu malee dansa’aafii moti; akka isin isaaniif jabaattanee yaadattanuuf, nu irraa isin kutiisa barbaadan.

[18] Yaada dansa’aaf yoo te’e, namaaf yaadatuun waan dansa’a; tun ammoo yennaa maraaf malee, yennaa ani isin bira jiru calla’aaf hin te’in.

[19] Ijoollee tiyya, haga bifi Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ani ammalle akka dubartii deettuu isiniif hin ciniinsifadha.

[20] Ani marroo teessaniif waan godhu waan wollaaleeruuf, adoo isin biratti dhaggamee akka dhibi’iin isinitti dubbadhee hin fedhaayyu.

[21] Isin worri Seera jalatti buliisaaf barbaadanu, waan Seerri jedhu hin dhageennee? Anatti hima’a!

[22] Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbitii irraa, kaan dubartii garbitii hin te’in irraa, akka uumate barreeffanteerti.

[23] Ilmi tokkochi dubartii garbitii irraa, akka fedha foonii calla’aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbitii hin te’in irraa, addii kennanteen dhalata.

[24] Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi’ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina’aa irratti gondooranatee ti.

[25] Aggaariin Gaara Siina’aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti.

[26] Yerusaalemiin ol-gubba’aa ammoo bilisoontu’u; isiin haadha teenna.

[27] Barreeffa Woyyicha keessatti, «Ijoollee dubartii abbaa manaa qadduu caalaa, ijoolleen dubartii qofi lakkifantee waan heddatteef, ati maseentittiin deettee hin beenne gammadi, ati ta ciniinsifattee hin beenne iyyii ilillisi!» jedhantee barreeffanteerti.

[28] Amma obboleeyyan tiyya, akkuma Yisihaaqii, isinille ijoollee addii kennantee ti.

[29] Te’uu malee, yennaa san ka akka fedha foonii calla’aan dhalate, ka fedha Ayyaana Waaqaatiin dhalate akkuma ari’e, ammalle akkasuma hin te’a.

[30] Barreeffami Woyyichi ammoo maan jedha? Wonni jedhu, «Ilmi garbitti’ii, ilma ta garbittii hin te’inii woliin dhaala waan hin qoodanneef, garbittii ilma isi’ii woliin ari’i!» hin jedha.

[31] Maarre obboleeyyan tiyya, nuuti ijoollee ta garbitii hin te’inii ti malee, ijjoollee garbitti’iitii moti.

Galaatiya’aa — Chapters