Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:23

[1] Marroo horii waaqota dharaatiif qalamee gaaffii ana gaafattane ilaalchisee, nuuti marti beekkunsa akka qannu hin beenna. Beekunsi akkasii nama bondhoorsa; jaalalli ammoo hin jabeessa.

[2] Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku’uu maleeyyuu hin beenne.

[3] Nami Waaqa jaalatu ammoo Waaqaan ka beekkame te’a.

[4] Maarre, marroo horii waaqota dharaatiif qalame nyaatiisaa yoo teete, waaqi dharaa dhugumaan jireenna akka hin qanne, akkasuma Waaqa tokkocha malee ka dhibiin akka hin jirre hin beenna.

[5] Adoo Waaqa hin te’in waaqota jedhamanee, waaqotii fi goottoti waamamanu hedduun ol-gubba’aa fi lafa irra jiran yoo jedhamanelle,

[6] nu’uuf ammoo Waaqa tokkocha calla’aatti jira. Inni Waaqa Abbaa wonni duuchiin isaan dadantee fi nuutille isaaf jiraannu; akkasuma Goottaan, Yesuus Kiristoos calla’a. Inni ka wonni duudiin karaa isaatiin dadantee fi ka nuuti karaa isaatiin jiraannu.

[7] Nami marti ammoo dhugaa tana hin beeku. Worri gariin haga ammaa waaqota dharaa waaqonfatiisa waan barataneef, foon horii qalamee san yennaa nyaatanu, akka foon waaqota dharaatiif qalameetitti yaadatan; wodanaan isaaniille dadhabaa waan te’eef hin battowan.

[8] Sagaleen gara Waaqaa nu hin dhiyeessitu; yoo nyaatuu dhanne womaa nu irraa hin dhidhatu; yoo nyaannelle womaa nu’uuf hin ede’amu.

[9] Bilisummaan teessan tun ammoo, worra dhugeeffanna’aan hin jabaatiiniif gufuu akka hin teene ifi eegadha’a.

[10] Ani beekkunsa qaba jettee galma waaqota dharaa keessatti ati nyaatiisatti jirtuun, nami wodanaan isaa dadhabaa te’e tokko yoo si dhagge, wonni kun akka inni horii waaqota dharaatiif qalame nyaatuuf isa hin kakkachuu?

[11] Maarre nami dhugeeffanna’aan hin jabaatin, obboleessa keeti ka te’e, ka Kiristoos du’eef sababa beekkunsa keetiitiin bada.

[12] Karaa kanaan kiristaana dhibii yakkiisaa fi wodanaa isaanii dadhaba madeessiisaan Kiristoos yakkitan.

[13] Tanaaf wonni ani nyaadhu obboleessa kiyya ta gufaachiittu yoo teete, isa akka hin gufachiinneef jedhee ijjuumaa foon hin nyaadhu.

1 Qorontoosii — Chapters