Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:59

[1] Obboleeyyan tiyya, ani yennaa isin barsiise akka worra yaada foonii gula deemuutii fi Kiristoosiin daa’immaaniititti malee, akka ayyaantole’eetittii moti.

[2] Isin sagalee jadduu nyaatiisa waan hin geyiniif, aanan isin areere malee sagalee jajjadduu moti. Ammaan tanalle sagalee jajjadduu nyaatiisa hin geenne.

[3] Isin haga ammaa akka worra biyya lafaa worra fedhii foonii gula deemu; isin waan wol hinaattanuu fi wol mormitanuuf, worra fedhii foonii gula deemuu motii ree? Akka yaada namaatitti leetanii motii ree?

[4] Isin keessaa tokko, «Ani ka Phawuloosii ti;» ka dhibiille, «Ani ka Apholoosii ti» yennaa jedhu, isin akka worra biyya lafaa te’uu keessanii motii ree?

[5] Inni Apholoos eennu? Phawuloosille eennu? Nuuti akka Goottaan hujii ifii nutti kennetti, tajaajiltoota akka isin dhugeeffattanu goone.

[6] Ani midhaan dhaabe, Apholoos bisaan obaase, ka guddise ammoo Waaqa.

[7] Tanaaf Waaqa isa guddise malee, ka dhaabe yookiin ka bisaan obaase womaayyuu moti.

[8] Ka dhaabee fi ka bisaan obaase wol qixa. Namuu akkuma hujii ifiititti gatii ifii fudhata.

[9] Nuuti tajaajiltoota wolqabannee Waaqaaf hujaarru; isin ficha’aa fi ijaarsa Waaqaa ti.

[10] Akka badhaadha Waaqi anaa kennetti akka nama qaricha mana ijaaru tokkoo ani hundee hundeesse; ka dhibiin hundee ani hundeesse irratti ijaara. Ammoo nami tokko tokkooyyuu achi irratti attam akka ijaaru ifi eegatu qaba.

[11] Hundee yennaa tokko hundootte malee, eennulle hundee dhibii hundeessiisa hin dande’u. Hundeen tunille Yesuus Kiristoos.

[12] Nami hundee tana irratti worqi’iin, meeti’iin, dhakaa gatii guddo’ootiin, mukaan, buuyyo’oon yookiin huuraan ka ijaaru yoo jiraate,

[13] guyyaan mura’aa ka hujiin nama tokko tokkootuu ifatti baatu hin dhufa; guyyaa san hujiin nama tokko tokkootuu ta attamii akka teete ibiddaan haga ilaalantee mudhatti.

[14] Hujiin namichi mana ijaaru hundee san irratti huje, ibiddaan haga ilaallatantee adoo hin gubatin yoo hatte inni gatii ifii hin fudhata.

[15] Namichi mana ijaaru ka hujiin isaa gubattee baddu ammoo gatii ifii hin dhaba; teetuu malee inni ifiif akka nama ibidda keessa taree hin gubatin hafuu hin fayya.

[16] Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu?

[17] Nami galma Waaqaa yoo diige, Waaqi isa hin diiga. Sababille galmi Waaqaa woyyicha, galmi kunille isinuma.

[18] Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te’iisaaf akka gowwa’aa ifi laakkowuu ti.

[19] Qarummaan biyya lafa tanaa fuula Waaqaa duratti gowwumma’a. kunille Barreeffam Woyyichi, «Waaqi qaroolee qarummaa isaaniitiinuu isaan qaba» jedha;

[20] Barreeffam Woyyichi dhibiille, «Goottaan yaadi worra qaroolee ka woyi hin baane akka te’e hin beeka» jedha.

[21] Tanaaf wonni marti teessan waan teeteef eennulle namaan ifi hin jajin.

[22] Maarre Phawuloosille teenaan, Apholoosille teenaan, Pheexroosille teenaan, biyya lafaalle teenaan, jireennalle teenaan, du’alle teenaan, waan ammaalle teenaan, waan hegeriille teenaan wonni duudiin keessan.

[23] Isin ammoo ka Kiristoosii ti; Kiristoosille ka Waaqaa ti.

1 Qorontoosii — Chapters