[1] Afaan namootaatii fi ergantoota Waaqaatille’een dubbadhee, jaalala qabaachuu yoo dhabe, ani akka bilbila iyyuu yookiin akka sibiila qilillisuu ti.
[2] Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkunsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde’ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti.
[3] Waan qabu mara hiyyeeyyi’iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu.
[4] Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju.
[5] Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu.
[6] Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu.
[7] Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
[8] Jaalalli ijjumaa hin badu; ammoo raaga dubbatiisalle yoo te’e, hin hafa; afaan haareyaan dubbatiisalle yoo te’e, hin hafa; beekkunsalle yoo te’e, hin hafa.
[9] Sababille wonni nuuti beennu gamisa; raagi nuuti dubbanulle gamisa.
[10] Wonni mijuu teete yennaa dhuttu, wonni gamisa teete hin baddi.
[11] Ani yennaa ijoolle’ee akka ijoolle’ee dubbadhe; akka ijoolle’ee yaadadhe; akka ijoolle’ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma’aa lakkiseera.
[12] Wonni amma nuuti dhagginu akka daaww’itii keessaatti caararra’aan dhagginuu ti; yennaa san ilumaan hin dhaggina. Wonni ani amma beeku gamisa; yennaa san qixxee Waaqi ana beekutti, beekkunsa guutuu hin qabaadha.
[13] Yoona dhugeeffannaan, addi’ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala.