Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:28

[1] Isin keessaa nami tokko dhugeeffataa dhibi’iin yoo wol dhabe, dubbii san kolbaa Waaqaa duratti ilaaluu irra, attam gara Kora Mura’aa ka worra hin balchoominii dhaqiisaaf gantan ree?

[2] Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru’uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan?

[3] Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree?

[4] Egasuu yoo wol dhaddane dubbii teessan worri wolde’a kiristaanaa keessatti hin barbaachinne akka isinii muru attam itti geeffattan ree?

[5] Akka isin fokkiffatanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu?

[6] Isin keessaa ammoo dhugeeffataan tokko ka dhibi’iin wol dhabee gara Kora Mura’aa ka worra hin dhugeeffatinii geessuu qabaa?

[7] Isin wol himattanee falmatiisinuu jigiisa keessan mudhitti. Addee san adoo isin yakkantanee hin woyyuu? Akkasuma adoo saamantanee woyyaa motii?

[8] Isin ammoo kiristaana obboleeyyan teessanuuyyuu yakkittanee saamaartan.

[9] Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina’a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqessu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu,

[10] yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.

[11] Isin keessaa gariin worra akkanaa turtane. Isin ammoo maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitii fi Ayyaana Waaqa keennaatiin cubbuu dhiqattanee, kolbaa Waaqaa teetanee balchoontaneertan.

[12] Nami tokko «Wonni marti anaaf eeyyattanteerti» jedhuu dande’a. Wonni marti ammoo bu’aa qaddi jechu’uu moti. Wonni marti anaa eeyyattanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te’ee hin bitamu.

[13] Nami dhibiin, «Sagaleen gadha’aaf, gadhaalle sagale’eef» jedhuu dande’a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu’uuf, Goottaalle nafa kunuunsu’uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu.

[14] Waaqi Goottaa du’aa kaaseera; innille hunna ifiitiin du’aa nu hin kaasa.

[15] Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te’e hin beettanuu? Maare ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu’uu godhuu qabaa? Ijjumaa te’uu hin qabu!

[16] Nami dubartii sagaagaltitti’iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi’iitiin tokko akka te’e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te’an» jedha.

[17] Nami Gootta’atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te’a.

[18] Sagaagalummaa irraa fagaadha’a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja.

[19] Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te’e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti.

[20] Waaqi gati’iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa’a.

1 Qorontoosii — Chapters