[1] Amma marroo gargaarsa kolbaa Waaqaa ilaalchisee, waan ani wolde’a kiristaana Galaatiya’aatii hime, isinille godha’a.
[2] Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti.
[3] Ani yennaa dhufu, worra isin filattaneef xaleyaa geegessa’aa kennee, kennansa isin kennitane gara Yerusaalemii akka geessanuuf hin erga.
[4] Akka ani dhaquuf barbaachisaa yoo teete ammoo, isaan na woliin hin dhaqan.
[5] Ani karaa Meqedooniya’aatiin dhaqiisaaf waan hedeef, biyya Meqedooniya’aa keessa tareen duuba, gara keessan hin dhufa.
[6] Gargaarsa addee ani dhaqu maraaf anaa te’u akka anaaf gootanu, ani isin bira hin tura fa’a te’a. Ani ganna guutuulle isin bira turuu dande’a fa’a.
[7] Amma yennaa taru isin dubbisuu hin barbaadu; yoo Goottaan jedhe, yennaa diqqoo dheertuu isin bira akka turu hin addadha’a.
[8] Haga guyyaa jila Phenxeqoosxe’eetitti ammoo, qachaa Efesoonii keessa hin tura.
[9] Balbalti badhoon bu’aa qabeettiin anaaf bananateerti. Worri ana mormu ammoo heddu’u.
[10] Ximootewoos gara keessan yennaa dhufe, akka inni sodaa malee isin woliin tee’u akka gootanu hubadha’a; sababille inni akkuma kiyya hujii Gootta’aa hujaara.
[11] Nami tokkolle isa hin tuffatin; ammoo akka inni nageyaan gara kiyya deebi’u isa gargaara’a. Deebi’iisa isaa obboleeyyan woliin eegisatti jirra.
[12] Marroo obboleessa keenna Apholoosiille, akka inni obboleeyyan dhibii woliin dhufee isin ilaaluuf, guddoo isa magannifadhe. Inni ammoo amma dhufiisa hin barbaadu; te’uu malee yoo itti tolte hin dhufa.
[13] Dammaqa’a; dhugeeffanna’aan jabaadha’aa dhaabbadha’a; jajjabaadha’aa, jabaadha’a.
[14] Waan hujjanu mara jaalalan huja’a.
[15] Obboleeyyan tiyya! Isxifaanoosii fi maatiin isaa lafa Akaayya’aa keessatti kiristaana jalqabaa akka te’anee fi dhugeeffattoota tajaajiliisaaf akka ifi kennane hin beettan.
[16] Namoota akkasiitii fi worra isaan woliin hujaa dadhabanuuf akka ajajantanuuf isin kadhadha’a.
[17] Dhutti Isxifaanoosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiiteerti. Sababille waan isin ana woliin as hin jiraatiiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran.
[18] Isaan gadhaa kiyyaa fi keessan gabbi tolchaneeran. Worra akkasii kana yaadadha’a.
[19] Wolde’ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila’aa fi Phirsikaan, wolde’a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta’aatiin nageya isinii dhaaman.
[20] Dhugeeffattooti asi jiranu duudiin nageya isinii dhaaman. Sunqata woyyichaan nageya wol fuudha’a.
[21] Nageya kana ani Phawuloos harukuma kiyyaan isinii barreesse.
[22] Ka Goottaa hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame te’uu ti! Goottaa keenna koottu!
[23] Badhaadhi Goottaa keenna Yesuusii isin woliin jiraatu.
[24] Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen. Ergaa Phawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ta Lammeesso’oo