[1] Obboleeyyan tiyya, ani yennaa gara keessan dhufe jechoota guguurda’aa fi qarumma’aan dhossaa Waaqaa isinitti hin lallanne.
[2] Ani haga isin bira ture Yesuus Kiristoosii fannoo irratti fannifame malee, waan dhibii waan tokkolle beekuu dhabiisaaf murteeffadheera.
[3] Ani dadhabaa te’ee, soda’aan akka malee rorommaa gara keessan dhufe.
[4] Haasonni kiyyaa fi lallabi kiyya ayyaanaa fi hunna Waaqaa mudhisiisaan malee, jechoota qarummaa namatiinii moti.
[5] Dhugeeffannaan teessan qarummaa nama irratti adoo hin te’in hunnna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe.
[6] Teetuu malee worra ayyaanaan bilchaateef jecha qarumma’aatiin barsiinna. Qarummaan tun ammoo ta biyya lafaa yookiin muummee irratti ta badu qarummaa bulchitoota lafa tanaatii moti.
[7] Nuuti ammoo biyyi lafaa adoo hin dadamin duratti ulfinna keennaaf qarummaa Waaqi qopheessee fi dhossaa isi’ii ta dhokattee turte dubbanna.
[8] Bulchitoota biyya lafa tana keessaa qarummaa tana ka beeke tokkolle hin jiru. adoo beekanee jiraatane, Goottaa ulfinnaa hin fannisanuuyyu.
[9] Teetuu malee Barreeffam Woyyichi, Waan ilti namaa hin dhaggin, «Waan gurri namaa hin dhage’iin, Waan gadhaan namaa hin yaadatin Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesera» jedha.
[10] Waaqi ammoo karaa ayyaana ifiitiin dhossaa ifii nutti mudhiseera. Ayyaanni Waaqaa waan duudii, dhossaa Waaqaa ta gadi fago’ootuu hin qorqora.
[11] Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru.
[12] Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.
[13] Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole’eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti.
[14] Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te’eef hubatiisaaf hin dande’u.
[15] Nami Ayyaana Waaqa qabu waan duudii qorqora; inni ammoo ifiif eennulle’een hin qorqoramu.
[16] Barreeffam Woyyichi, «Yaada Gootta’aa ka beeku eennu? ka gorsa isaa kennu eennu?» jedha. Nuuti ammoo, qalbii Kiristoosii qanna.