Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:26

[1] Attamitti Waaqayyo dheekkamsa isaa isa akka duumessaa Xiyoonitti uffise! Ulfina Israa'el isa hamma bantii waaqaatti ol ka'es attamitti gara lafaatti gad darbate! Xiyoon ejjeta miilla isaatii akka turte, guyyaa dheekkamsa isaatiitti attamitti irraanfate!

[2] Biyya sanyii Yaaqoob hundumaa gooftichi oo'a malee in balleesse, dheekkamsa isaatiinis masaraa mandaroota Yihudaa caccabsee, lafatti gad isaan in dabale; mootummaa ishee fi gurguddoota ishee immoo salphisee, gad in deebise.

[3] Dheekkamsa isaa isa boba'aadhaan, humna Israa'el hundumaa in caccabse; diinni yommuu isaanitti dhi'aatettis, irree gargaarsa isaatii isaan irraa in deebise; biyya sanyii Yaaqoobis naannessee, akka ibidda isa waan hundumaa xaph godhuutti in gube.

[4] Inni akka diinaatti iddaa isaa in jabeeffate, akka hamajaajiittis harka isaa ol isaanitti in fudhate; warra ijatti miidhagan hundumaas mandara Xiyoon keessatti in fixe, dheekkamsa isaas akka ibiddaatti isaan irratti in bobeesse.

[5] Gooftichi akkuma diinaatti Israa'elin in balleesse, manneen ishee warra jajjaboo hundumaas xaph in godhe; masaraa ishee in diige, mandaroota Yihudaa keessattis gaddaa fi boo'icha in baay'ise.

[6] Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa, akka godoo iddoo dhaabaa keessa jirutti in caccabse, iddoo wal ga'ii isaas diigee in balleesse; guyyaan ayyaanaa fi Sanbanni Xiyoon keessatti akka irraanfatamu in godhe; baay'isee aaruu isaa irraa kan ka'es mootii, lubas in tuffate;

[7] gooftichi iddoo aarsaa isa kan isaatii gatee in dhiise, iddoo isaa isa qulqullaa'aa in ciigga'e, dallaa manneen mootummaa Xiyoon isa jajjabaas harka diinotaatti dabarsee in kenne; diinonni sunis akkuma guyyaa ayyaana beekamaa tokkootti ta'aa turetti, mana qulqullummaa keessatti sagalee wacaa in dhageessisan.

[8] Waaqayyo dallaa mandara Xiyoon funyoodhaan safaree balleessuudhaaf murtoo in godhe; hamma raawwatee ishee balleessuttis harka isaa irraa hin deebifne; masaraan ishee fi dallaan ishee akkuma namaa in boo'u, wal fudhataniis in kukkufu.

[9] Karrawwan ishee lafatti in dabalaman, danqaraan isaanii caccabanii in hurraa'an; mootonni ishee fi gurguddoonni ishee booji'amanii saba warra kaan gidduu jiru, achi immoo seerri hin jiru, raajonni ishees Waaqayyo biraa mul'ata hin arganne.

[10] Maanguddoonni mandara Xiyoon, mataa isaaniitti awwaara firfirsanii, uffata gaddaa uffatanii, calluma jedhanii lafa in taa'an; durboonni ishees lafa in ilaalan.

[11] Sababii mandarri saba kootii diigamteef, ijoollonnii fi daa'imoonni karaa irratti waan gaggabaniif, boo'icha irraa kan ka'e iji koo jaamuudhaaf jedha, garaan koo na gubate, mar'umaan koos na bilchaate;

[12] isaan akka nama madaa'ee karaa mandaraa irratti gaggabanii, kaasuu haadha isaanii keessattis hafuurri isaan keessaa ba'uuf yommuu jettu, gara haadhotii isaaniitti iyyanii, “Buddeenaa fi daadhii waynii eessaa arganna?” in jedhu.

[13] Yaa Yerusaalem, yaa ishee akka durbaa! Waa'ee kee maal dhugaa ba'u” Maalittis si fakkeessu” Yaa xiyoon, yaa ishee akka durba qarree! Akkan si jajjabeessuuf, maalitti si akeeku ree” Madaan kee akka galaanaa bal'aa dha'o, eenyutu si fayyisa ree”

[14] Raajonni kee mul'ata sobaa kan waa'ee hin baafnee fi kan nama wallaalchisu siif argan malee, yakka kee sitti mul'isanii badiisa sitti dhufuuf jiru si hin oolchine.

[15] Warri karaa irra darban hundinuu, mandara Yerusaalemitti in ga'isu, mataas isheetti raasanii, “Mandarri kun ishee miidhagummaa guutuu qabduu fi ishee biyyi lafaa itti gammadaa ture mitii?” in jedhu.

[16] Diinonni kee hundinuu laagaa isaanii bananii sitti in ga'isu, sitti ciniinnataniis, “Guyyaan nuyi eeggachaa turre isa kana, amma bira geenyee argineerra, harka keenya keessas ishee galfanneerra” in jedhu.

[17] Waaqayyo dubbii isaa isa dur si irratti dubbatee ture fiixaan baasuu isaatiin, wanta yaade in raawwate; inni oo'a malees si in balleessa; diinonni humna argatanii akka si mo'an, badiisa keettis akka gammadan in godhe.

[18] Warri mandara Xiyoon keessa jiraatan, garaa guutuudhaan gara Waaqayyootti iyyaa! Yaa kellaa Xiyoon, atis akkuma namootaa imimmaan kee halkanii fi guyyaa akka bishaanii dhangalaasi! Gab hin jedhin, boo'icha kees hin dhiisin!

[19] Akka eegdotaa yeroo yerootti dammaqiitii ka'ii iyyi! Gadda garaa keetii Waaqayyo duratti gad jijjigsi! Lubbuu ijoollee keetii warra beela'anii, wal ga'ii karaa hundumaa irratti kukkufaniif harka kee gara isaatti ol qabiitii isa kadhadhu!

[20] Yaa Waaqayyo mee ilaali! Ati badiisa akkasii eenyutti fiddee beekta” Dubartoonni dhala isaanii, mucoolii ofii isaaniitii hoosisanii guddisan nyaachuun, raajonnii fi luboonni iddoo qulqullaa'aa isa kan Waaqayyoo keessatti ajjeefamuun in ta'a turee ree”

[21] Jaarsii fi dargaggeessi karaa irratti kukkufanii in dhuman; ijoolleen durbaa koo fi ijoolleen dhiiraa koo billaadhaan in dhuman; ati guyyaa aarii keetti isaan in ajjeefte, oo'a malees isaan in fixxe.

[22] Akkuma guyyaa cidhaatti namoota walitti qabdu, akkasuma karaa hundumaa wanta nama naasisu ana irratti walitti in qabde; guyyaa aarii keetiitti namni tokko illee si jalaa ba'ee ooluu hin dandeenye; warra ani baadhee guddise diina kootu fixe.

Macaafa Faaruu Ermiyaas — Chapters