Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:26

[1] Attamitti warqeen gurraacha'ee, warqee qullaa'aan bifa geddarate! Attamittis dhagoonni mana qulqullummaa wal ga'ii karaa gurguddaa hundumaa irratti bitimfaman!

[2] Ilmaan Xiyoon warri dur akka warqee qullaa'aatti ilaalamaa turan, amma attamitti akka qodaa suphee isa harki namaa hojjete ta'an!

[3] Waangonni illee ilmaan isaanii harma in hoosisu, sabni koo garuu akka guchii lafa onaa keessa jirtuu gara-jabeeyyii in ta'an.

[4] Mucaan harma hodhu dheebotee arrabni isaa in goga; ijoollonni buddeena in kadhatu, garuu kan isaaniif kennu hin jiru;

[5] warri dur nyaata ba'eessa nyaachaa turan, amma karaa irratti in gaggabu; warri dur uffata mimiidhagaa uffachaa turan, amma tuullaa kosii keessa in ciisu.

[6] Yakki saba kootii Sodoom ishee cubbuu hojjettee, harki nama tokko illee utuu itti hin bu'in battala tokkotti badde sana irra in caala.

[7] Gurguddoonni ishee cabbii caalaa qullaa'oo, aannan caalaas adii turan; dhagni isaanii callee gati-jabeessa caalaa diimaa ture, maddiin isaaniis calaqqisaa akka Safiiros ture.

[8] Amma garuu bifni isaanii cilaattii caalaa in gurraacha'e, karaa irratti namni yoo isaan arge iyyuu isaan beekuu hin danda'u; gogaan isaanii shuntuuree lafee isaaniitti in maxxane, akka mukaas in goge;

[9] warra beelaan rukutamanii muka iji isaa nyaatamu illee maasii keessaa dhabanii dhuman irra, warra billaadhaan dhuman wayya;

[10] badiisi saba kootti yommuu dhufe dubartoonni gara-laafeyyiin iyyuu mucoolii isaanii harka isaaniitiin affeelanii in nyaatan.

[11] Waaqayyo dheekkamsa isaa saba koo irratti gad in dhiise, aarii isaa isa boba'aas isaan irratti in dhangalaase; Xiyoonitti ibidda qabsiisee, hamma hundee isheetiitti ishee in gube.

[12] Mootonni lafa irraa fi sabni lafa irraa hundinuu, diinonnii fi warri ishee jibban dallaa Yerusaalem keessa lixuu akka danda'an hin amanne;

[13] haa ta'u iyyuu malee, sababii cubbuu raajota isheetii fi yakka luboota isheetii isa isaan dhiiga nama qajeelaa ishee keessatti dhangalaasaniif kun in ta'e.

[14] Amma isaan akka jaamotaa karaa keessa in jooru, dhiiga dhangalaasuudhaan waan xuraa'aniif, namni uffata isaaniitti illee bu'u hin jiru;

[15] namoonnis,“Isin warra xuraa'oo nana, sokkaa! Sokkaa waan tokkotti iyyuu hin bu'inaa!” jedhanii isaanitti in iyyu; yommuu isaan baqatanii sokkan immoo saba lafa irraa keessaa gar-tokko, “Isaan kun itti fufanii as jiraachuu hin danda'an” isaaniin in jedhu.

[16] Waaqayyo ofii isaatii isaan in tamsaase, deebi'ees isaan arguu hin barbaanne; namoonnis lubootaaf ulfina hin kennine, jaarsoliittis faara hin tolle.

[17] Iji keenya akkasumaan gargaarsa eeggachuutti dadhabe, sabni nuyi abdachaa turres nu oolchuu hin dandeenye.

[18] Isaan gara nuyi itti adeemnu hundumaatti, nu gaadaa waan turaniif, karaadhuma irra iyyuu akka itti adeemnu in dhabne; raawwatamuun keenya waan ga'eef, dhumni bara keenyaa dhi'aateera, guyyoonni keenyas lakkoobsatti galaniiru.

[19] Warri nu ari'an joobira qilleensa keessa balali'u caalaa fiigu; isaan tulloota irra nu ari'anii, lafa onaa keessas dhokatanii nu eeggatan;

[20] inni Waaqayyo nuuf dibe, inni nuyi,“Hafuura jireenya keenyaa ti, gaadidduu isaatiin illee saba warra kaan gidduu in jiraanna” jennee yaanne, boolla isaan nuuf qotan keessatti in qabame.

[21] Yaa namoota mandara Edoom, warra biyya Uz keessa jiraattanii, gammadaa ililchaa! Garuu xoofoon dheekkamsaa kun isinittis immoo in darba; isa keessaas dhugdanii machooftanii qullaa in buuftu.

[22] Egaa yaa namoota Edoom! Waaqayyo sababii yakka keessaniitiif isin in adaba, cubbuu keessanis bakkeetti in baasa; yaa namoota Xiyoon, adabni sababii yakka keessaniitiif isinitti dhufe raawwatameera; Waaqayyo si'achi biyyaa isin hin baasu.

Macaafa Faaruu Ermiyaas — Chapters