Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:08

[1] Ani nama ulee dheekkamsa isaatiin adabamee rakkina argee dha;

[2] inni na ari'ee iddoo ifni hin jirre dukkana keessa akkan jiraadhu in godhe.

[3] Dhugumaan anatti gara galee, guyyaa hundumaa harka isaatiin na rukuta.

[4] Inni foon koo fi gogaa koo in kukkute, lafee koos in caccabse.

[5] Karaa hundumaa na naannessee, rakkinaan jireenya koo anatti in hadheesse;

[6] akka warra dur du'anii awwaalamanii, dukkana keessa na jiraachise.

[7] Akkan jalaa hin baaneef naannessee dallaa anatti in ijaare, funyoo sibiilaa isa ulfaataadhaanis na hidhe;

[8] hamma fedhe illee gara isaatti yoon iyyadhe, gargaarsaafis yoon isa kadhadhe, inni kadhata koo hin dhaga'u.

[9] Inni dallaa dhagaa soofamaadhaan ijaarameen karaa anatti in cufe; karaa jireenya kootiis in jajali'se.

[10] Inni akka amaaketa nama gaaduu fi akka leenca dhokatee waa eeggatuu waan anatti ta'eef,

[11] karaa koo irraa na kaachisee reebee na bulleesse, bakkeettis na gatee adeeme;

[12] iddaa isaa dhifatee, booddee isaas anatti in qajeelfate.

[13] Inni xiyya mann'ee isaa keessaa luqqisee ittiin kalee koo waraane;

[14] ani saba koo hundumaaf nama kolfaa nan ta'e, guyyaa hundumaas isaan waa'ee koo in weeddisu;

[15] inni nyaata hadhaa'aa na quubse, dhugaatii hadhaa qabuunis na macheesse.

[16] Inni cirrachaan ilkaan koo caccabsee, awwaara keessa na gangalche;

[17] lubbuu koo nagaa in dhabsiise, jireenyi gaariinis maal akka ta'e nan wallaale;

[18] kana irratti,“Ulfinni koo, wanti ani Waaqayyo biraa abdadhe hundinuus in sokke” nan jedhe.

[19] Rakkina koo fi joora koo, nyaata hadhaa'aa quufuu koo fi, dhugaatii hadhaa qabuun machaa'uu koo nan yaadadha;

[20] ani kana yeroon yaadadhu hundumaatti, lubbuun koo na keessatti in xinnaatti;

[21] kana hundumaa yaadu keessaa immoo ani abdii qaba.

[22] Araarri Waaqayyoo dhuma waan hin qabneef, gaarummaa isaa irraa kan ka'e badiisa keessaa baraaramne.

[23] Araarri isaa ganama ganama in haareffama, amanamummaan isaas baay'ee dha;

[24] egaa ani,“Waaqayyo qooda koo ti, kanaafis isa nan abdadha” nan jedha.

[25] Waaqayyo warra isa abdataniif, warra isa barbaaddataniifis gaarii dha;

[26] cal jedhanii fayyisuu Waaqayyoo eeggachuun gaarii dha;

[27] namni bara dargagummaa isaatti waanjoo ittiin barsiifamu baachuun isaaf gaarii dha.

[28] Yeroo Waaqayyo waanjicha isa irra kaa'us kophaa isaa calluma jedhee taa'ee haa eeggatu!

[29] Tarii abdii qaba ta'a, kanaaf afaan isaa qabatee haa taa'u!

[30] Maddii isaa warra isa kabalanitti haa qabu, ceephoos obsaan haa baatu!

[31] Waaqayyo bara baraan isa hin gatu;

[32] Waaqayyo gadda yoo namatti fide iyyuu, akka baay'ina gaarummaa isaatti deebi'ee immoo in araarama;

[33] inni namoota rakkisuutti yookiis dhiphisuutti hin gammadu.

[34] Warri aboo qaban, warra biyya lafaa keessatti hidhaman hundumaa miilla isaanii jalatti yommuu dhidhiitan,

[35] aabba isa hundumaa gara irraa duratti firdii yommuu nama dhowwatan,

[36] firdii qajeelaas nama duraa yommuu jal'isan, Waaqayyo kana hundumaa in arga mitii ree”

[37] Utuu Waaqayyo hin abboomin, eenyutu waa dubbatee taasisuu danda'a ree”

[38] Wanti hamaan yookiis wanti gaariin akkuma aabba inni waan hundumaa gara irraa jiru dubbatutti in ta'a mitii ree”

[39] Namni utuu hin du'in sababii cubbuu isaatiif yommuu adabamu maaliif guunguma ree?

[40] Egaa kottaa karaa keenya qorree in ilaallaa, gara Waaqayyoottis in deebina!

[41] Kottaa yaada keenyaa fi harka keenya gara Waaqayyo isa waaqa irra jiruutti ol qabnee,

[42] “Nuyi abboommii kee irra daddarbineerra, siif abboomamuus dinneerra, atis immoo cubbuu keenya nuuf hin dhiifne.

[43] “Ati nutti aartee, nu ariitee, nu gogorraate, oo'as akka ati nutti hin argisiifneef aariitu si golboobe;

[44] kadhanni keenya si bira akka hin geenyetti, duumessa ofitti in golgite;

[45] saba warra kaan keessatti kosii haramee gatame nu goote.

[46] “Diinonni keenya hundinuu afaan isaanii bal'isanii nutti bananiiru;

[47] naasuunii fi boolla keessatti kufuun nu irra in ga'e, diigamuunii fi baduunis nu argate” in jenna.

[48] Mandarri saba kootii waan diigamteef, imimmaan koo akka bishaanii in dhangala'a.

[49] Imimmaan koo utuu gargar hin citin in dhangala'a, iji koos boqonnaa hin qabu;

[50] kunis hamma Waaqayyo waaqa irraa gad ilaalee na argutti itti in fufa;

[51] iji koo wanta durboota mandara kootii irra ga'e arguun isaa ana in gaddisiisa.

[52] Diinonni koo sababii malee, akka nama gogorrii adamsuutti na adamsan;

[53] isaan na awwaalanii dhagaa na irratti gara galchuu in yaalan;

[54] yommuu bishaan mataa koo irra gara gale, kan koo kanumaan citeen se'e.

[55] Yaa Waaqayyo! Ani boolla gad fagoo keessaa maqaa kee nan waammadhe;

[56] ati sagalee koo dhageesseetta, yommuu ani gargaarsaaf sitti iyyadhu, ati gurra kee ana irraa achi hin qabin!

[57] Yommuun si waammadhe, ati immoo anatti dhi'aattee, “Hin sodaatin!” naan jette.

[58] Yaa gooftaa! Ati dhimma koo anaaf ilaaltee, jireenya koos in furte.

[59] Yaa Waaqayyo! Ati hammina ana irratti hojjetame argiteetta, kanaaf ati anaaf faradi!

[60] Ijaa baafachuudhaaf waan isaan hojjetan hundumaa, wanta hamaa isaan ana irratti koratan hundumaas argiteetta.

[61] Yaa Waaqayyo! Ga'oo isaan anatti ga'isan, wanta hamaa isaan anatti koratan hundumaas dhageesseetta;

[62] dubbii warri ana irratti ka'an dubbataniif, yaada isaan guyyaa hundaa ana irratti yaadan beekta.

[63] Kunoo! Isaan yommuu taa'anii fi yommuu ka'an weedduudhaan anatti in ga'isu.

[64] Yaa Waaqayyo! Ati akka hojii isaaniitti wanta isaaniif ta'u in kennitaaf;

[65] abaarsi kee akka isaanitti dhufutti, boqu-jaboota isaan godhi!

[66] Aariidhaan isaan ari'ii, bantiiwwan waaqaa kee jalaa isaan balleessi!

Macaafa Faaruu Ermiyaas — Chapters