Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:22

[1] Amma isin dureeyyiille caqasa’a! Gaddi waan isinitti dhufaaruuf, wiiccifadha’aa booya’a.

[2] Karri teessan alootteerti; woyaan teessanille bili’iin nyaatanteerti.

[3] Worqi’ii fi meetiin teessan ciilteerti; ciilli isaanii kun isin irratti dhugaa hin baya, akka ibiddaalle foon nafa keessanii hin nyaata. Guyyoota gara muumme’ee kana keessatti karra wolitti qabattaneertan.

[4] Caqasa’a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan waan mara dande’u iyyansa isaanii dhage’eera.

[5] Isin qanani’ii fi gammadaan lafa irra leetaneertan; guyyaa itti qalantanuuf ifi gabbifattaneertan.

[6] Isin nama balchaa isin hin morminetti murtanee ijjeettaneertan.

[7] Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi’ee dhufutti ossadha’a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege’ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala’a.

[8] Isinille akkasuma ossadha’a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha’a.

[9] Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin muranne wolitti hin gungumina’a! Kunoo yennaan abbaan mura’aa dhufu geetteerti.

[10] Obboleeyyan tiyya! Marroo rakkatiisaatii fi ossatiisaa, raagota maqaa Gootta’aatiin dubbatane akka fakkeennaatitti fudhadha’a!

[11] Worra ciniinnatee ossaa ture san, nuuti akka worra badhaadheetitti isaan ilaalla. Iyyoob attam akka ciniinnatee osse dhageettaneertan; muummee irratti waan Goottaan godhe dhaggitaneertan; sababille Goottaan marara’aa fi gadhi-laafessa.

[12] Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina’a! Ol-gubba’aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille’een hin kakatina’a! «Eetiin» teessan eeti, «Waawwoon» teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te’in, isinitti hin muranti.

[13] Odduu teessan nami rakkatiisatti jiru jiraa? Inni daadimatuu ti! Nami gammadeeru jiraa? Inni faaruu galataa faarfatuu ti.

[14] Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde’a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta’aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti.

[15] Daadimannaan dhugeeffanna’aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf.

[16] Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha’a, woliifille daadimadha’a! Daadimannaan nama balcha’aa hunnaametti’ii fi bu’aa qabeetti’i.

[17] Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji’a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne.

[18] Yennaa inni deebi’ee daadimate ammoo, gubbaan bokkeya kennitee, lattille midhaan baache.

[19] Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami tokko dhugaa irraa goreeruun, nami dhibiin dhuga’atti yoo isa deebise,

[20] ka nama cubbaalessa cubbuu irraa deebisu, lubbuu nama cubbaalessaa du’a irraa fayyisee, cubbuu heddu’uufille akka inni araara dhaggatu akka godhe beekuu ti.

Yaaqoob — Chapters