[1] Ana Pheexroosii ergamaa Yesuus Kiristoosii irraa, worra Waaqaa foyantane ka biyya jirtanuu baatanee kutaa biyya Phonxoosiititti, Galaatiya’aatitti, Qaphadooqiya’aatitti, Asiya’aatii fi Bitaaniya’aatitti bittinnoottanee jirtanu,
[2] ka akkuma Waaqi Abbaan duraanuu karoorfatetti filantanee, Yesuus Kiristoosiif ajajamiisaa fi dhiiga isaatiin qulqulloomiisaaf Ayyaana Woyyichaan woyyoontaneef: Badhaadhii fi nageenni isiniif fakkanu.
[3] Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te’u! Inni marartii ifii guddo’oon du’a keessaa ka’iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera.
[4] Akkasuma inni karra guddoo hin banne, yookiin hin aloonne, yookiin hin dulloonne Ol-gubba’atti isiniif qopheesseera.
[5] Kun isin worra karaa dhugeeffannaa fayyinna bara muumme’eetitti mudhatuuf qophayee jiruuf, hunna Waaqaatiin eegantanee jirtanuuf te’a.
[6] Amma yennaa gabaaddu’uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada’a.
[7] Worqiin badduuyyuu, ibiddaan haga ilaallatanti; dhugeeffannan teessan ammoo ta worqii caalaa gatii guddo’oo, ta dhuga’aa te’uu isi’ii mirkaneessiisaaf ilaallachaan tun isin dhaqqaddi. Achiin duuba guyyaa Yesuus Kiristoos deebi’ee mudhatu galata, ulfinnaa fi leelloo dhaggattan.
[8] Isin isa dhagguu dhaddanulle isa hin jaalattan; isin amma isa dhagguu dhaddanulle, isatti dhugeeffattanee gammada gudda’aa fi ulfinna hagana jedhamee hin himanneen gammaddan.
[9] Sababille fayyinna lubbuu teessanii, ka dhugeeffanna’aan eeggattanu fudhattan.
[10] Raagoti badhaadha Waaqi isiniif kennu kana raagane, fayyinna kana akka maltetti qoranna’aa fi qu’annaa godhaneeran.
[11] Ayyaanni Kiristoosii ka isaan kessa jiru, rakkoo Kiristoos dhaqqadduu fi saniin duubatti ulfinna inni dhaggatu dursee waan isaanitti beessiseeruuf, yennaan tun yoomii fi attam akka muummottu qorqoraa turane.
[12] Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran.
[13] Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheesa’a; worra ifi qabatu te’a’a; addii teessan guutuma guutu’utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha’a.
[14] Akka ijoollee ajajantuu te’aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hodofina’a.
[15] Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te’e, isinille waan gootanu duudi’iin woyyuu te’a’a.
[16] Barreeffam Woyyichi, «Ani woyyuu waan te’eef isinille woyyuu te’a’a» jedha.
[17] Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru «Abbaa» jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma’aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le’a’a.
[18] Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woyi hin baane, waan badu ka akka meeti’iin yookiin worqi’iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan.
[19] Isin dhiiga Kiristoosii, ka gatii guddo’oo, ka akka dhiiga korbeessa komi’ii fi dhidhuu hin qanneetiin wodantaneertan.
[20] Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan foyamee, bara muumme’eetitti isiniif jedhee mudhiffame.
[21] Isin karaa isaatiin, Waaqa isa du’a keessaa kaasee ulfinna isaa kenne dhugeeffattane; maarre tanaaf dhugeeffanna’aa fi addii teessan Waaqatti godhattane.
[22] Isin dhuga’aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jalala dhuga’aatiin jaallataneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa’aa wol jaaladha’a.
[23] Isin karaa jecha Waaqaa jiraata’aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te’iin sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan.
[24] Sababille Barreeffam Woyyichi «Nami foon uffate duudiin akka marraati; ulfinni isaalle akka daraaraa badda’aati; marri hin qoora; daraaraalle hin harca’a.
[25] Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le’a. Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana» hin jedha.