Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:46

[1] Lolaa fi falamaan odduu teessan jirtu, eessaa dhutte? Halchaa nafa keessan keessatti wol loltu irraa dhuttii motii?

[2] Isin waan tokko hin halchitan, ammoo hin dhaggattanu; tanaaf nama ijjeettan. Jabaattaneelle wo halchitan, dhaggatiisaaf hin dandeettanu; tanaaf wol falamaa wol loltan. Waan hin daadimanneef, waan barbaaddanu hin dhaggattanu.

[3] Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra olchiisaaf, yaada hama’aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu.

[4] Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te’uu halchu, diina Waaqaa hin te’a.

[5] Yookiin Barreeffam Woyyichi, «Waaqi, ayyaana nu keessa keyeef hin hinaafa» yennaa jedhu, akkasumaan ka dubbatu isinitti fakkaataa?

[6] Waaqi ammoo badhaadha irra caalu hin kenna; tanaaf Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma, worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna» jedha.

[7] Maarre Waaqaaf ajajama’a; Seexana ammoo morma’a, innille isin baqata.

[8] Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.

[9] Laaleffadha’a, gadda’a, booya’a! Kolli keessan gara gaddaa, gammadi keessan gara booyiisaa jijjiiramuu ti.

[10] Goottaa duratti gad ifi qaba’a, innille ol isin hin qaba.

[11] Obboleeyyan tiyya, waan hantuu wol irratti hin dubbatina’a! Nami waan hantuu obboleessa irratti dubbatu yookiin obboleessa ifiititti muru, seera irratti hantuu dubbata, ittille hin mura; ati seera irratti yoo murte ammoo, nama seera irratti muru malee, nama seera hujii irra oolchuu moti.

[12] Ka seera baasuu fi murulle Waaquma tokkocha; ka fayyisiisaa fi balleesiisa dande’ulle isuma calla’a; ati ka namatti murtu eennu ree?

[13] Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu’aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa’a!

[14] Isin waan boru te’u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo’oof mudhattee deebitee badduu ti.

[15] Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane.

[16] Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu’u.

[17] Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti.

Yaaqoob — Chapters