[1] Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami hedduun barsiisota hin te’ina’a. Sababille nuuti worri barsiisota teene worra kaan caalaa muraa akka fudhannu hin beettan.
[2] Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toyatuu dande’u, nama miju’u.
[3] Fardi akka nu’uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina.
[4] Me hoboloo guddoo ilaala’a! Hoboloon guddoon adoo guddo’ootuu, qilleessa jabaalle’een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa.
[5] Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te’eeruu, waan gugurdo’oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha’a!
[6] Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu’utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qillee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le’ii teennaa duudii hin guba; ifille’eef ibidda qile’eetiin gubata.
[7] Nami bineensota adda addaa, simbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande’a; leenjiseeralle’e.
[8] Nami arraba leenjisuu dande’u ammoo hin jiru; inni hadhaa du’aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne.
[9] Nuuti arrabaan Waaqa Abbaa keenna galateessina, isumaanuu namoota fakkeenna Waaqaatiin dadamane abaarra.
[10] Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te’uu hin malle.
[11] Maddi tokkochi bisaan mi’owuu fi hadhowu hin maddaa?
[12] Obboleeyyan tiya! Muki harru’uu midhaan ejersaa, muki woyni’iille midhaaan harru’uu buusuu hin dande’aa? Akkasuma maddi horaa bisaan nami unu madduu hin dande’u.
[13] Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le’ii ifii dansa’aan, waan ifi qad qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti.
[14] Gadhaa keessan keessatti hinaaffaa hadhoottu’uu fi ifi jaallachuu yoo qabaattane ammoo, ifi hin jajina’a! Dhugaa irralle’etti soba hin dubbatina’a!
[15] Qarummaan akkasii tun ta lafaa, ta ayyaantummaa hin qannee fi ta durriisaa ti malee, ta ol-gubbaa irraa dhutee moti.
[16] Addee hinaaffa’aa fi ifi jaallatiis jirtutti hoga’aa fi waan hantuu maratti jira.
[17] Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti’i; akkasuma nageellitti’i, qajeeltu’u, ifi kennitu’u, mararti’ii fi midhaan dansa’aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre.
[18] Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma’aa wolitti qabata.