Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:14

[1] Obboleeyyan tiyya! Goottaa ulfinnaa keenna Yesuus Kiristoositti dhugeeffannaa eega qabaattane, nama wol hin caalchisina’a.

[2] Nami dureessi tokko qubee worqi’ii keyatee, woyaa dansaalle uffatee gara wolitti qabama keessanii yoo dhufe, namichi hiyyeessi woyaa ciccittu’uulle yoo ol seene,

[3] isin namicha woyaa dansaa uffate san ulfeessiisaan, «Ati addee dansaa tana tee’i» jettanee, namicha hiyyeessa saniin ammoo, «Ati achi dhaabbadhu yookiin as miila kiyya jala tee’i» yoo jettane,

[4] odduu teessanitti nama wol caalchittanee, worra yaada hama’aan muru te’uu keessanii motii ree?

[5] Obboleeyyan tiyya ta jaallatantane, dhage’aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna’aan dureeyyii te’anuu fi mootummaa inni worra isa jaallatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te’ane filateeraa motii?

[6] Isin ammoo worra hiyyeeyyii ulfinna dhooggitane; worri isin hacuucu, worri gara kora mura’aa isin harkisu dureeyyi’ii motii?

[7] Maqaa dansaa isin ittiin waamantanu ka faanshessu isaanii motii?

[8] Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaallattutti jaalladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane.

[9] Nama yoo wol caalchittane ammoo cubbuu hujjan; akka yakkaamessa tokkootitti seerri isinitti mura.

[10] Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama.

[11] Ka, «Hin gaarayyeeffatin» jedhettuu, «Hin ijjeesin» waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta.

[12] Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha’a, hujadhaalle’e.

[13] Nama marartii hin qannetti, marartii malee itti hin muranti; marartiin muraa hin injifatti.

[14] Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, «Ani dhugeeffannaa qaba» jedhee, hujii dansa’aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii?

[15] Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane,

[16] isin keessaa nami tokko, waan le’ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema’a, hin boojjatina’a, quufa’a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati?

[17] Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute.

[18] Nami tokko, «Ati dhugeeffannaa qadda; ani hujii dansaa qaba» yoo jedhe, ani, «Dhugeeffannaa teeti hujii irraa gargar baasiitii anatti mudhisi; anille dhugeeffannaa tiyya hujii tiyyaan sitti mudhisa» hin jedhaan.

[19] Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.

[20] Namicha gowwa’a! Dhugeeffannaan huji’iin malee ta gatii hin qanne akka teete beekiisaaf dhugaa itti barbaaddaa?

[21] Abbaan keenna Abrahaam ilma ifii Yisihaaq, addee ciincaan itti ciinceffamu irratti yennaa dhikeesse, huji’inii motii ka balchoome?

[22] Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji’iin akka muummotte hin dhaggituu?

[23] Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma’atti laakkowante» jedhu muummoye; innille jaala Waaqaa jedhame.

[24] Nami huji’iin malee, dhugeeffannaa qofaan akka hin balchoonne hin dhaggitan.

[25] Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa’elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi’iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii?

[26] Nafi hafuura hin qanne ka du’e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute.

Yaaqoob — Chapters