Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:10

[1] Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a.

[2] «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante:

[3] «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.

[4] Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.

[5] Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda’aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama’a.

[6] Isaan gammachiisuu qofaaf, ila isaanii dura calla’atti adoo hin te’in, akka garbicha Kiristoosiititti, gadhaa tokkoon fedhii Waaqaa muummessa’a.

[7] Akkasuma nama adoo hin te’in, akka Goottaa tajaajiltanutti, gammadaan tajaajila’a.

[8] Garbichalle te’ee yookiin ka garbicha hin te’in, hujii dansaa hujeef, Goottaa biraa gatii akka fudhatu hin beettan.

[9] Isinille goottole’e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa’aatii, garboota teessaniif dansaa godha’a.

[10] Yoona, Gotta’aa fi hunna isaa jaddu’uun jabaadha’a.

[11] Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha’a.

[12] Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te’in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te’ane, irree ayyaana hamaallessa ol-gubba’aatiin mormiisa.

[13] Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummesitanee, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha’a.

[14] Tanaaf, dhugaa akka hiitu’uu hidha keessanitti hidhada’aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa kayadha’aa dhaabbadha’a.

[15] Wongeela nageyaallee akka Kophe’ee miilatti keyadha’aatii qophowa’aa dhaabbadha’a.

[16] Kana mara woliin, daayota hamaallessaa ka bobe’u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte’ee qabadha’a.

[17] Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha’a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka goraade’ee qabadha’a.

[18] Yennaa daadimattanuu fi kadhattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha’a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa’aatii jabaadha’aa daadimadha’a.

[19] Dhossaa Wongeelaa sodaa malee beessisiisaaf, yennaa ani dubbatiisaaf qophaaye, Waaqi akka jecha anaaf kennu analle’eef daadimadha’a.

[20] Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu’uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha’a.

[21] Obboleessi keenna Xikiqoosiin jaallatama’aa fi tajaajila hujii Gootta’aatiin addatamaan, waan ani hujiisatti jiruu fi attam akka ani jiru akka beettanu, waan mara isinitti hin hima.

[22] Nuuti martinuu attam akka jirru akka beettanuu fi akka isin jajjabeessuuf, isa gara keessan erga.

[23] Waaqa Abbbaa biraa, Goottaa Yesuus Kiristoos biralle’ee, nageennii fi jaalalli dhugeeffannaa woliin kiristaanota maraaf te’uu ti.

[24] Badhaadhi Waaqaa worra Goottaa keenna Yesuus Kiristoos jaalala hin banneen jaallatu maraaf te’uu ti.

Efesoonii — Chapters