Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:01

[1] Isin jaallatantoota ijoollee Waaqaa eega teetanee, fakkeenna isaa gula deema’a.

[2] Akkuma Kiristoos nu jaallatee, akka kennansa uddowa’aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu’uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha’a.

[3] Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te’uu lakkisiitii, oduunuu dhage’amuu hin qaddu.

[4] Waaqa galateeffadha’a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina’a.

[5] Sagaagaltichi, yookiin battichi, yookiin joljoltichi jechuun ka waaqa dharaa waaqefatu mootummaa Kiristoosiitii fi Waaqaa keessatti qooda akka hin fudhanne beeka’a.

[6] Eennulle dubbii dharaatiin isin hin sobin; sababa waan kanaatiif mufiin Waaqaa worra isaaf hin ajajanne irratti hin dhutti.

[7] Tanaaf kolbaa akkasii woliin tokkummaa hin qabaatina’a.

[8] Isin dur dukkana keessa turtane, kolbaa Gootta’aa eega teetane ammoo, ifa keessa jirtan. Maarre isin akka kolbaa ifaa jiraadha’a.

[9] Sababille wonni dansaan marti, balchumma’aa fi dhugaan ifa keessaa madditi.

[10] Waan Goottaa gammachiisu qorqora’aatii bira geya’a.

[11] Hujii dukkanaa, ta bu’aa hin qanne san, ifatti baasa’a malee, itti hin hirmaatina’a.

[12] Waan isaan dhossa’atti hujanee dubbatiisinuu hin fokkifachiisa.

[13] Wonni marti yennaa gara ifaa baate, bifi isi’ii dhugichi ifa te’ee hin mudhata;

[14] Sababille ifi waan mara mudhisa. Tanaaf, «Ati ka rafiisatti jirtu, dammaqi! «Du’a keessaa ka’i! «Kiristoos si’iif hin issa» jedhame.

[15] Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha’aa ilaalladha’a. Akka qaroole’ee malee, akka gowwoole’ee hin le’ina’a.

[16] Barri kun hamaa waan te’eef, yennaa dagu’uu maratti fayyadama’a.

[17] Fedhiin Gootta’aa maan akka teete hubadhaa malee, gowwoolee hin te’ina’a.

[18] Ayyaana Woyyichaan guutama’a malee, daadhii woyni’ii ta isin balleessituun, hin machowina’a.

[19] Faaru’uu fi faruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille’een woliin dudubbadha’a; faaru’uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha’a.

[20] Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba’aaf galata galcha’a.

[21] Ulfinna Kiristoosiitiif jedha’aatii woliif ajajama’a.

[22] Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti.

[23] Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif mataa te’e, abbaan manaa haadha manaatiif mata’a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde’a kiristaanaatiifille fayyisa’a.

[24] Wolde’i kiristaanaa Kiristoosiif akkuma ajajamu haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif waan maraan ajajamanuu ti.

[25] Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaa jaallatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaalladha’a.

[26] Inni wolde’a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe.

[27] Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde’a kiristaanaa gara ifii dhikeessa.

[28] Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaallattu haadhotii manaa ifiille jaallatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaallatu ifi jaallata.

[29] Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.

[30] Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti.

[31] Barreeffam Woyyichi, «Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te’an» jedha.

[32] Kun dhossaa guddo’o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde’a kiristaanaa dubbatiisatti jira.

[33] Te’uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaallattanu haadha manaa teessan jaalladha’a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.

Efesoonii — Chapters