Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:36

[1] Sababa kanaaf, ani Phawuloos, isin worra Yihudoota hin te’iniif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuusii te’eera.

[2] Bu’aa teessaniif hujiisaaf akka Waaqi badhaadha ifiitiin hujii tana anaaf kenneeru isin dhugumaan dhageettaneertan.

[3] Akkuma ani armaan gubba’atti gabaassee isinii barreesse, Waaqi yaada ifii ka dhossa’aa mudhisee akka ani beeku godheera.

[4] Isin waan ani barreesseeru yoo dubbittane, hubantii tiyya ta marroo dhossaa Kiristoosii beekuu dandeettan.

[5] Dhossaan tun tanaan dura ilmaan namaatitti hin mudhiffanne, Waaqi ammoo Ayyaanaan ergantoota woyyootaa fi raagota woyyoota ifiititti amma mudhiseera.

[6] Dhossaan tun, worri Yihudoota hin te’in karaa Wongeelaatiin Yihudoota woliin worra dhaaluu fi miseensa nafa tokkoo te’anee, waadaa Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin gale keessalle’etti qoodamiisa.

[7] Ani karaa kennansa badhaadha Waaqaa, ka hujii hunna isaatiin anaaf kennameetiin tajaajilaa Wongeela kanaa te’eera.

[8] Ani kolbaa Waaqaa mara caalaa diqqaadha; te’uu malee, Oduu Gammadaa ta marroo durummaa Kiristoosii muummee hin qannee worra Yihudoota hin te’iniif akka lallabuuf Waaqi badhaadha kana anaaf kenne.

[9] Akkasuma karoorri dhossaa baroota dabarane keessatti Waaqa waan mara dadeen dhoffantee turtee, maan akka te’e, akka mudhisuuf badhaadhi naa kenname.

[10] Wonni tun teeteef, bara ammaa, karaa wolde’a kiristaanaatiin, bulchitootii fi hunnooti ol-gubba’aa qarooma Waaqaa bifa adda addaa maraan akka beekkanu.

[11] Waaqi akkuma karoora isaa ka bara baraatitti, karaa Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiitiin tana muummesse.

[12] Nuuti Kiristoosiin waan jirruu fi isatti waan dhugeeffanneeruuf, sodaa malee gara Waaqaa dhikaatiisaaf ifi addii qanna.

[13] Sababa ani isiniif rakkatiisatti jiruuf, akka addii hin kutanne isin kadhadha; wonni martinuu ulfinna keessaniif teete.

[14] Waan kanaaf ani Abbaa duratti jilbiiffadha.

[15] Maatiin ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu marti maqaa dhuga’aa Waaqa biraa fudhatti.

[16] Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha.

[17] Karaa dhugeeffanna’aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha.

[18] Jaalalli Kiristoosii hagam akka badhatuu fi dheeratu, hagam akka ol fagaatuu fi gad fagaatu, akka isin kolbaa Waaqaa mara woliin hunna hubanti’ii qabaattanu,

[19] akkasuma jaalala Kiristoosii ka beekkunsa bira dabare te’e san beettanee, guutummaa Waaqaa maraan akka guutantanu daadimadha.

[20] Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande’uuf,

[21] Karaa wolde’a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te’u! Ameen.

Efesoonii — Chapters