Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:07

[1] Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te’e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa.

[2] Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela’aa fi ossaameyyii te’a’a. Jaalalalle’een wol dande’a’a.

[3] Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha’a.

[4] Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira.

[5] Akkasuma Goottaan tokko, dhugeeffannaan tokko, cuupham tokko jira;

[6] ammalle ka mara caalu, ka mara keessalle huju, ka mara keessa jiraatu, Abbaa kolbaa maraa ka te’e, Waaqa tokkochatti jira.

[7] Akkuma safara kennansa Kiristoosiititti badhaadhi tokko tokkoo keennaaf kennameera.

[8] Barreeffam Wayyichi, «Inni gara gubba’aa yennaa ol baye, boojuu hedduu booji’ee, namootaaf kennansa kenne» jedha.

[9] Amma, «Ol baye» jechuun maan jechuu isaa ti? Duraan dursee biyya lafaa tana keessa addee gad aantu’utti gad dhufeera jechu’u.

[10] Maarre ka gad dhufe, waan duudii dhaggama ifiitiin guutiissaf kama ol-gubbaa maraan ol baye.

[11] Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin towattoota, gariin barsiisota akka te’anuuf kennansa isaaniif kenne.

[12] Inni nafa Kiristoosii ka te’e wolde’i kiristaanaa akka ijaaramuuf, kolbaa Waaqaa hujii tajaajila kiristaanaatiif qopheesiisaaf tana godhe.

[13] Maarre marti keenna dhugeeffannaa teennaa fi Ilma Waaqaa beekiisaan tokko hin teena; ayyaanaan bilchaannee, nama geyaa teenee, haga Kiristoosii geenna.

[14] Nuuti danbali’iin gara duraatii fi duubaa raafamaa, qilleensa barsiisa kolbaa dokonkorsitu’uu, ka maltumma’aan worra dhibii sobee dokonkorsuu fi asii achi afuufuun, haganaa achi ijoollee hin teenu.

[15] Kanaa mannaa, jaalalaan dhugaa dubbataa, gara Kiristoosii mataa te’ee, karaa maraan guddanna.

[16] Kiristoosiin nafi duudiin morgeyaan hidhamee wol qabatee, mitikaan nafaa marti wol qaqqabateera. Maarre yennaa mitikaan martinuu akka hujiisaaf maletti huju, nafi duudiin jaalalaan guddatee ifi ijaara.

[17] Yoona akka worra yaadi isaanii bu’aa hin qannee, akka worra Yihudoota hin te’inii akka hin leene, maqaa Gootta’aatiin jabeessee isin gorsa.

[18] Qalbiin isaanii dukkanootteerti; sababa beekuu hin barbaannee fi gadhaa jabeenna isaaniitiif jiruu Waaqi kennu irraa gargar bayaneeran.

[19] Isaan fokkoo dhabanee, amala bada’aa fi battummaa mara hujiisaaf joljolanee ifi dabarsanee kennaneeran.

[20] Marroo Kiristoosii wonni isin barattane akkasii moti.

[21] Dhugumaan marroo isaa dhageettaneertan; dhugaa Yesuus keessa jirtulle barattaneertan.

[22] Le’ii dullattii dur le’aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata’a.

[23] Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama’a.

[24] Jiruu haareya, balchumma’aa fi woyyummaa dhuga’aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha’a.

[25] Maarre, yoona soba lakkisa’a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti.

[26] Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin.

[27] Seexanaafille karaa hin kennina’a.

[28] Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata’aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti.

[29] Dubbii bu’aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage’uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin.

[30] Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina’a.

[31] Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma’aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagatu.

[32] Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.

Efesoonii — Chapters