Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:20

[1] Isin sababa yakka’aa fi cubbuu teessaniitiif dutaneertaniiyyu.

[2] Yennaa san isin karaa hamaa biyya lafaa gula deentane; ayyaana amma kolbaa Waaqaaf hin ajajanne towatu, bulchaa hunnoota ayyaanota qilleensa keessaatiif ajajantane.

[3] Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennnaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu.

[4] Waaqi mararti’iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaallate irraa ka ka’e,

[5] yakkaa teennaan yennaa nuuti duneerruyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru’uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan.

[6] Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isa woliin du’a keessaa nu kaasee, isuma woliin addee ol-gubba’aa keessa nu teessise.

[7] Durummaa badhaadha ifii ta hagana hin jedhanne, ta arjummaa ifiitiin karaa Kiristoos Yesuusiitiin nutti mudhise, baroota dhufulle mudhisiisaaf inni tana godhe.

[8] Isin badhaadha Waaqaatiin karaa dhugeeffanna’aatiin fayyitane malee, hujii teessaniinii moti; isiin tun kennaa Waaqaa ti.

[9] Akka nami tokkolle ittiin ifi hin jajne, huji’iinii moti.

[10] Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa’aaf nu dade.

[11] Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te’in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, «Haqanqabaa qabanneerra» ifiin jettuun, «Worra haqanqabaa hin qabatin» jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha’a.

[12] Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa’eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi’ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha’a.

[13] Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu’uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan.

[14] Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma’aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te’in kolbaa tokko godheera.

[15] Karaa kanaan negeya fidiisaaf, gosa lamaanuu irraa ka te’e nama haareya isa woliin wolii galu tokko dadiisaaf, Seera Yihudootaa ajajootaa fi aadaa seerotaa woliin diige.

[16] Fannoo irratti du’iisaan Kiristoos diinummaa isaanii balleesse; inni fanno’oon worra lamaanuu nafa tokko godhee Waaqaan wolitti araarse.

[17] Maarre Kiristoos dhufee worra Waaqa irraa fagaate, isin worra Yihudoota hin te’iniif, worra gara Waaqaa dhikaate, isin worra Yihudootaatiifille, Oduu Gammadaa ta nageyaa maraafuu lallabe.

[18] Yuhudootaa fi worri Yihudoota hin te’in, nuuti martinuu karaa Kiristoosiitiin Ayyaana tokkoon Abbaa bira geyiisa hin dandeenna.

[19] Tanaaf, isin worri Yihudoota hin te’in haganaa achi orma yookiin alaga’aa moti; isin amma miseensota maatii Waaqaatii fi kolbaa Waaqaatiin woliin nama biyya tokkoo ti.

[20] Isinille hundee ergantootii fi raagoti hundeessan irratti ijaarantaneertan; dhakaan roga qaccee ijaarsaalle Kiristoos Yesuus.

[21] Kiristoos Yesuusiin ijaarsi duudiin wolitti qabamee, Galma Waaqaa woyyicha te’iisaaf Gootta’aan guddata.

[22] Isinille isumaan worra dhibii woliin addee Waaqi Ayyaana ifiitiin jiraatu te’iisaan ijaaramiisatti jirtan.

Efesoonii — Chapters