Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:53

[1] Hiriyoonni ishee,“Deebi'i, deebi'i yaa Shulaamittii! Nuyi akka si ilaalluuf deebi'i!” jedhan. “Akka waan isheen kutata lama gidduu sirbitutti Shulaamittii kana irraa maal ilaaltu”

[2] Yaa intala guddaa biyyaa, miilli kee kophee balasee keessaan maal maal miidhaga! Mudhiin kee callee gati-jabeessa isa namni harka-toleessi tolche fakkaata;

[3] handhuurri kee qadaada isa yeroo hundumaa daadhii waynii baatu in fakkaata; gudeedni kee tuullaa qamadii isa daraaraan itti naanna'ee jiru in fakkaata;

[4] harmi kee lachanuu ilmoolee kuruphee, warra lakkuu dhalatan in fakkaata;

[5] mormi kee riqaa ilka arbaa irraa hojjetame, iji kee lachanuu duuchaa bishaan qurxummii isa karra Batraabiimitti dhi'oo Heshboon keessa jiru in fakkaata; funyaan kees riqaa Liibaanon isa gara Damaasqootti gara galee jiru in fakkaata.

[6] “Mataan kee tulluu Qarmelos, rifeensi mataa kees fo'aa haarrii dhiilgee fakkaata; isa kanaanis mootiin in booji'ama.

[7] Yaa ishee jaallatamtuu nama gammachiiftuu, ati attam miidhagduu dha, attamis nama mararta!

[8] Hojjaan kee akka muka meexxii ti, harmi kees akka hurbuu waynii ti;

[9] ani,“Muka meexxii sana nan yaabbadha, damee isa ija godhatus nan qabadha” nan jedhe; harmi kee akka hurbuu waynii ti, fooliin hafuura funyaan kee keessaa ba'us akka ija muka hudhaa ti.

[10] Dhungannaan michuu kootii akka daadhii waynii isa hundumaa caaluu, isa hidhii fi ilkaan keessa darbee suuta jedhee gad bu'uu ti” jedhe.

[11] “Ani kan michuu kootii ti, inni ana in kajeela;

[12] yaa michuu ko, kottu mandara keessaa gad in baana, gandeen keessas in bulla!

[13] Obboroodhaan in kaana, gara iddoo dhaabaa wayniis in dhaqna, mukti waynii hudhee daraaree, rumaaniinis daraareera yoo ta'e in ilaalla! Anis achitti jaalala koo kennaa godhee siif nan kenna;

[14] iji muka hawwa jaalalaa kaasu in urgaa'a, balbala keenya duras iji mukaa gaggaariin, warri ammaa fi warri durii jiru; yaa michuu ko, isaan kana siifan kaa'e” jette.

Macaafa Weedduu Weedduu Caalu — Chapters