[1] Kun weedduu Solomoon isa weedduu hundumaa irra caaluu dha.
[2] “Jaalalli kee daadhii waynii irra waan caaluuf, afaan koo keessa na dhungadhu!
[3] Fooliin urgooftuu dibataa kee namatti tola, maqaan kee dha'amuunis akka urgooftuu dhangala'ee ti, kanaafuu durboonni si jaallatu;
[4] na fudhadhuu sokki! Dafnee in fiigna! Gara diinqa keetti na geessi yaa mootii! Nuyi durboonni sitti in gammanna, in ililchinas; jaalala kees daadhii waynii caalaa in jajanna; durboonni hundinuu dhuguma si jaallatu.
[5] “Ani gurraattii yoon ta'e iyyuu miidhagduu dha; yaa intaloota Yerusaalem, yaa warra akka godoo Qedaar, yaa warra akka golgaa Solomoonis!
[6] Ani gurraattii waanan ta'eef, aduun waan na gurraachesseefis ija anatti hin baasinaa! Obboloonni koo anatti dheekkamanii, iddoo dhaabaa waynii isaanii na eegsifatan; iddoo dhaabaa waynii kootii garuu ani hin eegganne.
[7] Yaa isa garaan koo jaallatuu! Bushaayee kee eessa tikfatta” Waareettis eessa boqochiifta” Ani maaliifan karra bushaayee firoota kee bira asii fi achi joora?” jette.
[8] “Yaa ishee durboota hundumaa irra miidhagduu! Ati ofii keetii hin beektu yoo ta'e, bushaayee faana dha'ii adeemi! Ilmoolee kees godoo warra tiksootaa bira dheechifadhu!
[9] Yaa hiriyee ko, ati akka farda ishee konkolaataa Fara'oon harkiftuu ti;
[10] maddiin kee amartii gurraattiidhaan, mormi kees dirata warqeetiin in miidhagfame;
[11] dirata warqee siif in tolchina, guroo meetiis itti in rarraafna” jedhe.
[12] “Yeroo mootiin maaddiitti taa'u, urgooftuun naardos ana irraa isatti in urgaa'a;
[13] jaalalleen koo akka qodaa qumbii ti, inni harma koo gidduu in boqota;
[14] jaalalleen koo anaaf akka daraaraa urgaa'uu ti, akka iddoo dhaabaa waynii mandara En-Gedii keessaa tis” jette.
[15] “Yaa hiriyee koo, kunoo ati miidhagduu dha, ati baay'ee miidhagduu dha! Iji kees akka ija gugee kuullee dha” jedhe.
[16] “Yaa michuu ko, atis baay'ee miidhagaa dha! Ati dhuguma nama in mararta, margi lalisaanis iddoo ciisicha keenyaa ti.
[17] Utubaan mana keenyaa muka gaattiraa ti, qinaaxxiin isaas muka ejersaa ti” in jetti.