[1] “Isa garaan koo jaallatu halkan guutuu siree koo irra nan barbaade, barbaadees isa hin arganne; [ani isa nan waame, innis na jalaa hin oowwaanne]
[2] ani ka'ee mandara keessa, karaa irra, walga'ii karaa irra naanna'ee isa nan barbaada; isa garaan koo jaallatu sanas nan barbaade, garuu isa hin arganne.
[3] Warri mandara eegan, utuu asii fi achi adeemanii na argan; ani immoo,“Isa garaan koo jaallatu argitaniittuu?” jedhee nan gaafadhe;
[4] ergan xinnoo isaan bira darbee immoo, isa garaan koo jaallatu sana argadhee, isa nan qabadhe, gadis isa hin dhiifne; gara mana haadha kootti, gara kutaa mana haadha koo ishee na deesseettis nan galfadhe.
[5] “Yaa intaloota Yerusaalem, jaalallee koo isa akka kuruphee yookiis akka borofa caakkaa, hamma inni ofiin ka'utti hin dammaqsinaa!
[6] “Inni lafa onaa keessaa akka utubaa aaraatti ol ba'aa jiru, inni fooliin isaa akka qumbii fi ixaana, isa naggaadeen urgooftuu hundumaa irraa waliin maktee hojjette kun eenyu”
[7] Ilaa, teessoo Solomoon, humna-qabeeyyii Israa'el keessaa jaatamni itti naanna'anii jiru;
[8] hundumti isaanii billaa baatu, lolaaf kan qopheeffamanii dha; sababii bir'aa halkaniitiifis, billaa isaanii gudeeda irra kaa'atanii taa'u.
[9] Solomoon mootichi muka Liibaanon irraa siree golgaa qabu kan ittiin isa baatan in hojjechiifate.
[10] Miilli siree sanaa meetii irraa, irkoon isaa warqee irraa, iddoon taa'umsaa uffata dhiilgee irraa hojjetame; gidduu isaa intaloota Yerusaalemtu bareechee hojjeteef.
[11] Yaa intaloota Yerusaalem, dhaqaatii gonfoo Solomoon mootichaa, isa haati isaa guyyaa fuudha isaatii, guyyaa garaan isaa gammadettis isaaf kennite ilaalaa!” jette.